Gandummaan hafuu qaba warri jattan safaaxaa dhiisaa
Gandummaan hafuu qaba warri jattan safaaxaa dhiisaa. Gandummaan waan jajjabeyfamu qabu malee hafuu hinqabu. Sababni isaatis gandummaa fi naannummaa qabaachun waan ilmi namaa uumamaan qabu waan ta'eef hambisun hindanda'amu.gandummaa jachun dura warrummaa fi dhunfummaan akka dursu dagatu hinqabnu. Gandummaa dhiisaa jachun iddo dhaloota keeti,yaadanno joollummaa,hiriyaa ganamaa, tapha jollummaa, kana hunda dhiisaa jachudha kun hindanda'amu. Namni hundi akkuma gandaatin,akkuma warraatin fi maatitin waljabeysun gaaridha. Nama kanaan jabaate wal jaare walgargaaretu kan biraatis gargaaru danda'a male kana osoo hingodhin kan biraati gargaara jachun hinfakkaattu. Gandummaa dhabamsiisu osoo hintahin akka isiin miidhaa hinfinne godhun gaaridha. Gandummaan yoo ganda biraati fi saba biraa irratti duulla ta'e kun dhaabbatu qaba.garuu gandummaan waan gaari irratti ijaaramun faayidaa malee miidhaa hinqabu.warri ija cufattani gandummaa jachaa ooltan tasgabbaa'a. Nafxanyaan zaranyinnatin dhabamu qaba jatti isinis gandummaan hafu qaba jattu akkam nugodhu barbaaddan? Hundi kenya yeroo yaannu waan akka ganadatti,biyyatti warratti,maatitti dhunfaatti,sabaatti yaadu qabnu akka jiru addaan baasu qabna.kun addaan baanaan gandummaan rakko hinqabu.akka gandatti namni hin ijaaramne akkamitti akka biyyatti jaaramu danda'a? Hiriyota kiyyaa fi joolle ganda kiyyaa yoonin hinjabeysine akkamittin nama fagoo jabeeysa? Kanaaf gandummaan bakka itti rakko uumtutti dhiisun bakka faayida qabdutti jabeeyfamu qabdi ja'eetin amana.abbaan fedhes kan gandummarraa ani qulqulludha ja'u hundi ni sobee malee namni kanarraa qulqulluu hinjiru ja'etin yaada. Nijira yoo jattan na amansiusu dandeysu ykn qabadhaa afaan keysan nurraa, kanaan nudoorsisu arra booda dhaabaa.arraas boruus ani gandummaan jabaatu qabdin ja'a isin waan feetan ja'aa. Namni gandummaa diigu barbaDu nama nudiiguf deemu ja'eetin fudhadha. Galatoomaa turtii gaari isiniif haata'u.
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.