MM Ixoophiyaa hidhamtoota biyyoota ollaatti hidhaman hiiksisaa jira
MM Ixoophiyaa hidhamtoota biyyoota ollaatti hidhaman hiiksisaa jira. Biyyota ollaa kana keessatti lammiileen Ixoophiyaa akka hidhaman kan godhaa turees mootummuma ADWUI mataa isaa ture. Mootummaan ADWUI kan duraan lammiilee roorroo dheeysaanii biyya alaatti baqatan akka adamsanii hidhmaa turan godhaa ture amma akka hiikkamaniif carraaquun isaa waan gaariidha. Hidhamtoota Ixoophiyaa Suudii keessatti hidhaman MM Abiyyi hiiksise kan jedhu kun tiqqo iftoomina hin qabu. Suudiin durumaahuu lammiilee Ixoophiyaa qabdee hiitee waliin eeydee bakka takkatti ergaa turte. Inumaa Suudiin hidhamtoota Ixoophiyaa Mootummaan Ixoophiyaa akka irraa fudhattuuf gaafataa turuun isii ni yaadatama. Hidhamtootni amma Abiyyi hiiksise jedhamu kun kan seeraan himatamanii hidhaa jirani moo kanneen mana hidhaatti walitti qabamanii yeroo heddummaatan biyyatti deport tahu sana? Warruma deport tahuuf deemu san hidhaa baafne jedhu moo? Hidhamtoota ofiifuu bahuu deemu nuutu baasee jechuurra hidhamtoota biyya keessat...