Warraaqsi tokko yoo tahu qilleensi dhalatu dafee hin calalu. Sun dhugaa dha. Bara Nugusichi buqqa'u Dargiin hanga miila lamaan gad of dhaabutti lubbuu nama hedduutu bade.
Warraaqsi tokko yoo tahu qilleensi dhalatu dafee hin calalu. Sun dhugaa dha. Bara Nugusichi buqqa'u Dargiin hanga miila lamaan gad of dhaabutti lubbuu nama hedduutu bade. Hookkara hamaatu biyya liqimsee ture. Dargiin waan sana abbaa irrummaatiin toyate. Gara jabinaan fi dhiiga dhangalaasuudhaan aangoo isaa itiche. Bara Dargiin kufee Wayyaaneen dhuftus akkasuma. Sirni Wayyaanee akka salphaatti gad of hin dhaabne. Koree ''ሰላምና መረጋጋት" jedhamu dhaabdee turte. Koreen sun ummata keessaa namoota dhageettii qaban irraa haa jaaramu malee akka itti aangoon Wayyaanee itittu irratti hojjechiifamaa ture. Sana qofaan tasgabbiin hin dhufne. ABOn Chaartera keessaa bahuun wal qabatee tarkaanfiin sabboontota Oromoo irratti fudhatamaa ture ragaa tokko. Wayyaaneenis akkuma Dargii qawweetti fayyadamtee ''tasgabbiin buuse'' ofiin jette. Ammas hafuura haaromsaa kana keessatti biyyattiin tasgabbii dhabaa jirti. Ibiddi tokko yoo dhaamfamu tokko gama sanaan qabata. H...