Oduu biraatiin Har'a Obbo Daawud Ibsaa waliin wal agarree dubbii tibbanaa irratti mari'annee jirra. Garagaagarummaan mootummaafi ABO jidduu jiru hamma miidiyaan hafarfamuu miti. Dubbiin bakkuma amma dura haasofne akka jirtuun hubadhe. (Waliigalteen kun waraqaa irra kaayamuu dura hoggana gama lachuu afaan kiyyaan dubbisee waanin beekuudha)
Oduu biraatiin
Har'a Obbo Daawud Ibsaa waliin wal agarree dubbii tibbanaa irratti mari'annee jirra. Garagaagarummaan mootummaafi ABO jidduu jiru hamma miidiyaan hafarfamuu miti. Dubbiin bakkuma amma dura haasofne akka jirtuun hubadhe. (Waliigalteen kun waraqaa irra kaayamuu dura hoggana gama lachuu afaan kiyyaan dubbisee waanin beekuudha)
1) Waraanni Bilisummaa Oromoo akkuma waliigalametti mooraa leenjii galuun qaamota nageenyaa biyyaatti makama. Kana gochuuf mootummaafi hoggansi haala jiru waliin mijeessu. Yeroo gabaabaa keessattis sirni kabajaa xumura waliigaltee kanaa ni geggeeffama.
2) Waliigaltee kana hojiitti hiikuu irratti harkifannaafi guututti walhubannaa dhabuun ni muldhata. Kun saffisaan furamee waliigalteen hojiitti hiikkamuu qaba. Warri ABO obsa godhadhaa, warri mootummaa qalbii sassaabadhaa saffisaan tarkaanfii fudhaa. Ummanni rabbi kadhaadhaa, tasgabbaayaa, hoggana dhaggeeffadhaa.
3) Waliigalteen gama lamaanii akka hojiitti hin hiikamne waraanaa mootummaafi WBO jiddutti walitti bu'iinsi akka uumamu warri fedhii qabu jiru. Eenyu akka ta'an adda baafannee jirra. Qaawwa saaqamee fayyadamaa jiran cufuu qabna.
4) Ololli miidiyaa gama kamiinuu godhamu miidhaa malee faaydaa hin qabu. Kanaafuu yoo dhaabas ta'ee mootummaa jaalattan olola dhaabaa. Ololli akka taphaatti har'a geggeeffamu kun bor gatii guddaa nu kafalchiisa. Keessattuu namoonni jibba murnaafi dhuunfaa walirraa qabdan yeroon tan morkaafi haaloo akka hin taane hubadhaa. Wanti har'a yaalame ergaa isiniif haa dabarsu. Niti Gidaamitti walitti gaarreffanna, ormi Shaggar nu harkaa fudhachuu fedha!
Ammaaf kanuman jedha. Rabbi nu haa gargaaru. Nagaan nu haa bulchu!

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.