Posts

Showing posts from September 16, 2018

finfinnee today

Image
Finfinnee today

Rakkinni qubattoonni magaalale Oromiyaa keessatti Oromoo irraan gayaa jiran kun barumsa nuuf kenne and hirribaa nu dammaysuuq qaba.

Rakkinni qubattoonni magaalale Oromiyaa keessatti Oromoo irraan gayaa jiran kun barumsa nuuf kenne and hirribaa nu dammaysuuq qaba. Alagaan magaalota keenya dhunfatte harkaa qabdu kun qabeenyuma fii Oomisha keenya nurraa bitte nutti gurgurtee nurratti dalagattee sooramtee lafa teenya nurra bitte magaalaa teenyatti galtee rakkoo dila kana nurraan gahaa jirti. Rakkoo kana keessaa bahuuf: 1, Nama qaabenya fii Oomisha keenya itti gurgurruu fii irraa binnu sirritti adda baafannee  beekuu. Mi'oota baayyee kan Oomishu ummata keenya. Kan oomisha san bitee gurguruun irraa sooramu kan biraati. Akka ummataatti, Ummanni Oromoo aadaa akkanaa hanbisuu qabu. Walirraa bitee walitti gurguratee alagaa business keessaa baasee qabeenya fii Oomisha isaa irratti abbaa tahuu qaba. 2,Mootummaan imaammata magaalaalee Oromiyaa itti Oromeessu baasee hujiirra akka oolchu dirqisiisuu qabna.

l Daawud Ibsaa Ayyaanaa haasawa qabsaawaa osoo hin tahin Haasawa Bulchaa biyyaa godhe, hangafoota ABO dabalatee gootota Waraana Bilisummaa Oromootiifi Gootota Artistoota Oromoo kan osoo guyyaa gammachuu kana hin arkin wareegamaniis tokko tokkoon dubbatee nu boochiseera, Bu'aa bahii Qabsoon keessa dabartee fi Qabsaahota lubbuun as gayan kan ijaan hin arkin akka Televisiyoonaatti dura qabee agarsiiseera, Qabsoo bara dheeraa kanaamitii imalli guyyaa tokko hangam akka nama dadhabsiisuu nama hubdaaf ifa gala.

Image
l Daawud Ibsaa Ayyaanaa haasawa qabsaawaa osoo hin tahin Haasawa Bulchaa biyyaa godhe, hangafoota ABO dabalatee gootota Waraana Bilisummaa Oromootiifi Gootota Artistoota Oromoo kan osoo guyyaa gammachuu kana hin arkin wareegamaniis tokko tokkoon dubbatee nu boochiseera, Bu'aa bahii Qabsoon keessa dabartee fi Qabsaahota lubbuun as gayan kan ijaan hin arkin akka Televisiyoonaatti dura qabee agarsiiseera, Qabso o bara dheeraa kanaamitii imalli guyyaa tokko hangam akka nama dadhabsiisuu nama hubdaaf ifa gala. Haatahuuti Osoon Gootota qabsoo tanarratti kufan yaadadhe osoo arra nuuf eeganii maal qaba jedhuu jechi qawwisaan tokko Afaan Jaal Daawud keessaa bahee Onnee laafinaan imimmaan buusaa jirtu goggooysuu hin Oolle, Waliin deemuuf dhugaa walitti himuun dirqama lammummaa, tokkuummaa fi qabsooti, Jaal Daawud Hangafoota ABO hundeessan tokko tokkoon tareesse, isaan keessaa J.Baaroo Tumsaa, J.Muhee Abdoo, J.Gadaa Gammadaa, J.Abboomaa Mitikkuu, J. Bariisoo Waabee, J. Elemoo ...

jajabee Qarree

Image
qarree biyyaa