l Daawud Ibsaa Ayyaanaa haasawa qabsaawaa osoo hin tahin Haasawa Bulchaa biyyaa godhe, hangafoota ABO dabalatee gootota Waraana Bilisummaa Oromootiifi Gootota Artistoota Oromoo kan osoo guyyaa gammachuu kana hin arkin wareegamaniis tokko tokkoon dubbatee nu boochiseera, Bu'aa bahii Qabsoon keessa dabartee fi Qabsaahota lubbuun as gayan kan ijaan hin arkin akka Televisiyoonaatti dura qabee agarsiiseera, Qabsoo bara dheeraa kanaamitii imalli guyyaa tokko hangam akka nama dadhabsiisuu nama hubdaaf ifa gala.
Haatahuuti Osoon Gootota qabsoo tanarratti kufan yaadadhe osoo arra nuuf eeganii maal qaba jedhuu jechi qawwisaan tokko Afaan Jaal Daawud keessaa bahee Onnee laafinaan imimmaan buusaa jirtu goggooysuu hin Oolle, Waliin deemuuf dhugaa walitti himuun dirqama lammummaa, tokkuummaa fi qabsooti, Jaal Daawud Hangafoota ABO hundeessan tokko tokkoon tareesse, isaan keessaa J.Baaroo Tumsaa, J.Muhee Abdoo, J.Gadaa Gammadaa, J.Abboomaa Mitikkuu, J. Bariisoo Waabee, J. Elemoo Qikxuu fi kanneen biroo maqaa isaanii kaasee ture, Generaal waaqoo Guutuu fi warra akka Sooreesa Jaarraa Abbaa Gadaa Warreen gara adda addaatiin qabsaawan jechuun dubbate.
Siyaasaa dabsuun ni dandayama, garuu Seenaa dabsuun hin dandayamu, Dhugaadha Waan J. EELEMOO QILXUU hin tahin Jaallan Jaal Daawud Ibsaa maqaa kaase kun Warra Jalqaba ABO'tti dabalam turan, garuu hundeesitootaamiti, gaafa J. Bariisoo Waabee faan Hujii Mootummaara jiran bara 1969 Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa fi J. Elemoo Qilxuu faan ABO hundeesaniiti Leenjiif gara yaman deemuuf imalarra jiran, gaafasiimitii Bara 1974 yeroo Hundee fi Elemo Xiirrootti wareegaman Jaallan maqaan isaanii olitto tuqame kun hujii Mootummaarra jiran, Cinaan isaanii miseena waldaya Maccaa fi Tuulamaa (WMT) jechuun barbaadamaa turan, eegas booda Bara 1975 paartii Dargii wajjiin hojjatu Dhaaba Echat jedhamu hundeessan.
Bara 1977-1978 yeroo Dargiin jara kana itti garagalee ajjeesuuf barbaadu jarri Baha Oromiyaa Harargee Bahaa Bosona Gobeelleetti ABO'tti makame, yeroo san hogganaan ABO kan Jara kana simate Soorreesa Jaarraa Abbaa Gadaa ture, Jaarraa Abbaa Gadaa Hundeesaa fi hogganaa jalqabaa ABO akka ture ragaan namoota har'a lubbuun jiru, Seenaa dabsuu maaliif barbaachise , ? Waa hunda dubbachuuf jarjara hin qabu, garuu Abbaa fedheehuu tahu Seenaa dabsuu hin jaaladhu, gama biraatiin waaniin dhugaarratti cichee dubbadhuufi waaniin dhugaa dabsuu hin jaalanneefi, gama biraatiin Sababni waldhabbii Siyaasaa Oromoo guddaan Seenaa dabsuu fi Seenaa wal Saamuu waan taheefi, Seenaa Hangafoota keenyaa osoo hin dabsine dhugaa dubbachaa haa waliin deemnuu, Soorreesi Jaarraa Abbaa Gadaa akka Hundeessaa ABO tahe Oromoomitii Alagaatu beeka, Dhimma Seenaa kana akka Hawaasaaniis wal hin dhabne itti yaadaa.
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.