Posts

Showing posts from May 23, 2018

Heeraafi seerri hojiirra oolchuun nama rakkisu haqamuudha qaba

Heeraafi seerri hojiirra oolchuun nama rakkisu haqamuudha qaba. Hojiirra oolchuun hin danda''amu jechuun osoo hin haqamne irra daddeebi'uun cabsuun ilaalcha seera cabsuun rakkoo hin qabu ji'u ummata ballaa biratti uumuun olaantummaa seeraa fashaleessa. FKN: heerri naannolee,  miseensi dhaabaa tokko  bulchaa aanaa tokkoo tahee mudamuuf miseensa mana marii  aanaa sanii tahuu akka qabu ni eera. Garuu, bulchootni aanaalee oromiyaa tahanii muudamanii bulchaa jiran harki caalu   miseensa mana marii aanaa bulchaa jiraniitii miti. Ani wantiin jechuu barbaade keewwatni kun hojiirra oolmayarratti kan nama rakkisu yoo ta'e fooyya'uudha qaba. Osoo hin fooyya'in gonkuma caphuu hin qabu jechuu kooti