Posts

Showing posts from September 4, 2018
Jarri habashaa fii Wayyaaneen yeroo Oromoon mirga ofiin of bulchuu gaafattu "dhiphummaa qabdu shanyummaa qabdu " jechuun ummata Oromoo arrabsaa turte. OPDO's arra yeroo Ummanni keenya Harargee ofiin of bulchuu qabna jedhan gosummaa fii naannumma qabdan ummataan jetti. Kan naannummaa fii shanyummaa qabu kan 'nama nuti siif shuumneen buli isin of bulchuu hin dandeessan nama ganda akkasii qofaatu isin bulchuu qaba kan " jedhuudha.
Heerri MNO fii Heerri FDRE Ummanni sadarkaa hundatti akka ofiin of bulchaan ummata gonfachiisee jira. Godinni hundi, aanaan hundi fii gandi hundi ofiin of bulchuuf mirga qaba. Ummanni keenya kan Harargees mirguma kana gaafate. Ummataa mirga ofii gaafate kana maqaa addaa addaa itti moggaasanii ukkaamsuun waan hin taane. Ummanni keenya of ijaare mirga isaa boortaadhaan kabachiifatuu qaba!