Kun Haadha Jamal Ahmed Abdelah Kan Guyyaa Kaleessa Magaalaa Mooyyaleet Haala suukaneessan Diinan irraa Ajeefamme Adde Zeyida Muhaamediidha . Jamaal Haadha isaaf Ilma Dhiira Tokkichaadha . Obboleewwan Dubartoota 3 qaba . Abbaan issaa Obbo Ahmed Abdalla waggaa 5 dura Lubbuun darbaniiru . Itti Gaafatammummaan Maati kana huunda Jiraachisu Gateeti Dargagoo Jamaal irra hamma kufee ole bubuleera , Haadha issaaf Obboleetotta issaa Mootora kireefata hojjata obboleewwan issa barsiisa haadha issa dhibamduu kanas wol dhaansisa jiraachisa ture . Hardha Maattin kun Gadda akkaan Hamaa keesssa jiru . Haadhaf Obboleewwan Bilbilaan Dubbisa ture boohanii na boochisanii . jechii " issattu ganamma hamma galgala oliif gadi fiige maati kana bulchaa ture , amma hundii keenya karat hafne " jedhuu yeroo dhagahuu heddu gadde . Rabbiin keenya kana Haa Dubbatu !!! Imimaan Harmee Yoommumma dhaabbata laata ? Firaa Fiixa Maraaf Obsaaf Jajabbina Hawwinna !