This was what happened in Moyale City ORomia

Kun Haadha  Jamal Ahmed Abdelah Kan Guyyaa Kaleessa Magaalaa Mooyyaleet Haala suukaneessan Diinan irraa Ajeefamme Adde Zeyida Muhaamediidha .

Jamaal Haadha isaaf Ilma Dhiira Tokkichaadha . Obboleewwan Dubartoota 3 qaba . Abbaan issaa Obbo Ahmed Abdalla waggaa 5 dura Lubbuun darbaniiru . Itti Gaafatammummaan Maati kana huunda Jiraachisu Gateeti Dargagoo Jamaal irra hamma kufee ole bubuleera , Haadha issaaf Obboleetotta issaa Mootora kireefata hojjata obboleewwan issa barsiisa haadha issa dhibamduu kanas wol dhaansisa jiraachisa ture .

Hardha Maattin kun Gadda akkaan Hamaa keesssa jiru .

Haadhaf Obboleewwan Bilbilaan Dubbisa ture boohanii na boochisanii . jechii " issattu ganamma hamma galgala  oliif gadi fiige maati kana bulchaa ture , amma hundii keenya karat hafne " jedhuu yeroo dhagahuu heddu gadde .

Rabbiin keenya kana Haa Dubbatu !!!
Imimaan Harmee Yoommumma dhaabbata laata ?

Firaa Fiixa Maraaf Obsaaf Jajabbina Hawwinna !

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa