Posts

Showing posts from May 6, 2018

#ODUU #GAMMACHIISAA Hawaasa Muslimaa Maraaf

Image
#ODUU #GAMMACHIISAA Hawaasa Muslimaa Maraaf ===============//=========== Hawaasa keenya baga gammaddan baga milkooftan ! Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa haala akkaan yeroon itti dhiphate keessa, oliif gad imalaa turanis hawaasa keenyaaf yeroo isaaniii dhiphaa sana keessatti Nashiidaa Albema 2 guutuu dalaguudhaan seenaa galmeessisan . Ustaazni keenya kabajamaaf jaallatamaan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Bara 1439 / 2018 Nashiida Albema Vo / Lakk 30 fi Albema Vo / Lakk 31 Nashiida Albema 2 guutu akka qopheessan Raadiyoo Daandi Haqaatti himaniiru. Nashiidaan kun Vol 30 handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessatti kan eebbifamu yommuu tahu  Nashiidaan Vol 31 qindeessummaa Raadiyoo Daandii Haqaatiin Koree Biyya Saud Arabiyaatin Magaala Makkatal Mukartamatii eebbifamuuf akka deemu beekameera . Ustaaz Raayyaan Nashiidaa laakkoofsa 30 dhimma uummata keenya qe'eef qabeenya isaanii irraa buqqaafaman, deegarsa uummanni keenya roga hundaan taassisan, akaasumas sadarkaa miidhama hawa...

Rakkon Jawar Mohammed qabu waggaa 10 nu durse yaadudha. Hubannoodhaf; JM hayyuu siyaasati

Rakkon Jawar Mohammed qabu waggaa 10 nu durse yaadudha. Hubannoodhaf; JM hayyuu siyaasati. Nama hujii saba hujii ofii godhate sa’a 24 hojjattu. Muuxxannoo yeroo dheertuu fii Qori-Qalbii siyaasa wayyanoota akka gaaritti gadi-faggeenyan hubatu. Dabalataanis nama odeeffannoo keessa beeku. Dhiheenya kana yeroo Jawar OPDO fii Muumicha Minsteera Dr Abiy Ahmed qeequ namoonni heddun ni guungumu. Jawar waan OPDOn yeroo dabarte hojjataa turte, tan amma hojjata jirtu fii hojjatu teessulee nama dursee hubatu. Kanaafu qeeqinni inni OPDO fii MM Dr Abiyillee qrrqu jara ni jabeessa malee hin laafissu ittin rakkatinaa. Kana ammo hujii isaatu isaaf ragaadha. Duula OROMO FIRST irra hanga ammatti hujii inni ummata keenyaf hojjate Galmee Seena keessa irra deebi’a laala. *Kun hundi tikka Qabsoo Oromootiif!!