#ODUU #GAMMACHIISAA Hawaasa Muslimaa Maraaf

#ODUU #GAMMACHIISAA
Hawaasa Muslimaa Maraaf
===============//===========

Hawaasa keenya baga gammaddan baga milkooftan !

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa haala akkaan yeroon itti dhiphate keessa, oliif gad imalaa turanis hawaasa keenyaaf yeroo isaaniii dhiphaa sana keessatti Nashiidaa Albema 2 guutuu dalaguudhaan seenaa galmeessisan .

Ustaazni keenya kabajamaaf jaallatamaan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Bara 1439 / 2018 Nashiida Albema Vo / Lakk 30 fi Albema Vo / Lakk 31 Nashiida Albema 2 guutu akka qopheessan Raadiyoo Daandi Haqaatti himaniiru.

Nashiidaan kun Vol 30 handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessatti kan eebbifamu yommuu tahu  Nashiidaan Vol 31 qindeessummaa Raadiyoo Daandii Haqaatiin Koree Biyya Saud Arabiyaatin Magaala Makkatal Mukartamatii eebbifamuuf akka deemu beekameera .

Ustaaz Raayyaan Nashiidaa laakkoofsa 30 dhimma uummata keenya qe'eef qabeenya isaanii irraa buqqaafaman, deegarsa uummanni keenya roga hundaan taassisan, akaasumas sadarkaa miidhama hawaasani keenya itti miidhame irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan yoo tahu, lakkofsa 31 irratti immoo yaada baqattummaafi hameenya ishee ilaalchisuun bara darbe albema 29 irratti hojjatan itti fufuun  baldhinaan kan dhiheessan akka tahe RDH himaniiru .

Ustaazni keenya kabajamaaf jaallatamaan Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa bara kana keessatti hojiin gamtan ta'ani hojjatan kan akkaan gammachiisaa ture tahu ibsuun, gareen isaanii ustaaz Kaamil Shamsuu , Ustaaz` Hayder Khadir , Sheek Jamaal Alliyyi fi Ustaaz Suufiyan Usmaan yeroo isaanii guutuu kennuun haawasa isaanii tajaajilaa turuu isaanii ibsuun, Qaamni Mootummaa beekamti isaaniif kennuu dhabuu isaa heeruun qaamni kamu beekamtii kennuu baattus nuti hawaasa keenya mana keenya keessa teenye ilaalu hin dandeenyu wanta dandahame hundaan hundii keenya dirqama bahuudha qaba jechuun dhaamsa dabarsaniiru .

Kalattii biraatiin dhimma eebba nashiidaa Albeema 29 irratti uummanni keenya gumaacha qarshii miliyoona 4 oli gama #RDH galchuuf kan niyyate ture tahus, niyyaan kun bakka gahuu dhabuu isaatiin gadda nutti dhagahame itti himuun, yeroo gaafannetti innis dhimmi sun karaa lamaan akka isa miidhe nutti himuun, uummanni qarshiin hammana gahuu sif argameera yaada jedhuun gargaarsa adda addaa na gaafacha turaniiru kanaf dhimmi kun tahuu isaatiin nan gadda wanta gochuu hin dandeenye namoonni osoo niyyachuu baatani gaaridha, ani qabeenyi koo guddaan hawaasa kootidha hawaasnii koo bara kanatti akka ana biraa dhaabbatu abdiin qaba haqa isinirraa qaba kanaaf qophii eebba nashiidaa lakkoofsa 31 Makkaatti geggeefamuuf deemu irrat akka naaf argamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru .

Dhuma irratti dhimma Majliisa seeran alaa fi dhimma baasii hajjii Majlisni seeraan alaa murteessan irraa yeroo gaafanetti Hajjii gochuuf qarshiin 55,000 gahaa akka tahe qorannoon godhamee shallagamuu isaa ibsuun, uummanni qabsoo isaa finiinsudha qaba, Mootummaa kanas mootumma duraa irraa dhimmi itti adda ittiin baafannu dhimma kana irratti dha. Majliisa seeran ala uummata irratti humnaan kaahaman hatattamaan kaasudha akka qabu ibsuun, Majlisni seeraan alaa osoo waqtiin hajjii hin gahiin saamuuf jecha dhimma Majlisaa kaasuun gatii hajjii ol kaasanii akka beekisan himaniiru.

Turtii Guutu Qophii #RDH Guyyaa hardhaa irratti hordofaa

#RDH Eebla 27 2010

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa