The 2018 Irreechaa of Ethiopian OROMO
#Irreechaa IRREECHII BARANA KAN BARRA 2018 WANI ADDA ISA GODHUU BILISUMADHAA AKAA ? Irreechi ijaarsa tokkummaa Oromoo qofaa otoo hin ta’iin ijaarsa biyya keenyaatiif shoora guddaa taphachaa dhufeera. Aadaa fi eenyummaa Oromoo dagachiisuuf, cunqursuuf, waanjoo gabrummaa irratti fe’uuf waggaa dheeraa yoo taasifamaa tures , haarsaa wal irraa hin cineen sadarkaa har’aa irra geenyeerra. Borus , ijaarsaa fi tokkummaa biyyaa keenyaa ijaaramaa jiru sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf akkuma Abootiii keenyaa jaalalaan ayyaana keenya kabajanna. Dilbata Bishooftuuu Hora Arsadiitti wal argina ..!! Irreechi Irree Keenya! Irreechi Tokkummaa Keenyaaf!