How to be free from Headache Oromo.
DHUKKUBBII MATAA (Headache ) Dr_Gurmeessaa irraa... Waggaa tokko keessatti yoo xiqqaate hawaasni 50% ta’u dhukkubbiin mataa isaa mudata Namoonni 90% ta’an ammo umrii isaanii keessatti yoo xiqqaate altakkaa mataa dhukkubbiin ni mudata. Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii dhiiraa dhalaa; xiqqaa guddaa; adii gurraacha osoo hin jedhin namoota hundaa kan ilaallatuu fi namoonni hedduun hubannoo irratti argachuu kan barbaadanidha. Mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama. Inni tokkoffaan “Primary headache” kan jedhamu yoo ta’u, inni kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hin qabatin ofumasaatii of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha. Inni lammaffaan “ secondary headache” kan jedhamu yoo ta’u, inni kun ammoo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubuudha. Inni lammaffaan kuni sababa dhukkuboota hedduun dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba ofdanda’ee miti. Akkasumas ...