Posts

Showing posts from October, 2019

Breaking News

BREAKING! (edited) Jia'a 6f irratti hojjetamee torbaan 3 dura kan mallatteeffame dha. Jaarmiyaaleen Siyaasa Oromoo (JSO) ejjennoo waloo armaan gadii irra gahanii jiru. Kun injifannoo guddaa dha. =============== Ejjenno Waloo Jaarmiyaalee Siyaasa Oromoo (JSO) I. SEENSA Nutii Jaarmiyaaleen Siyaasa Oromoo (JSO) jijjiirama siyaas-dinagdee yeroo ammaa naannoo fi biyya keenya keessatti dhufe irratti yeroo dheeraa fudhannee marii bal’aa geggeessineerra. Qaama hawwaasaa Oromoo adda addaa marisisuun, haala siyaasaa, nageenyaa, dinagidee fi hawaasummaa Oromiyaa, Itoophiyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa gaddifagenyaan xiinxalleerra. Mariifi xinxala goone keessatti gaaffi qabsoo Oromoo irratti garaagarummaa bali’aa akka hin qabne hubanneerra. Hanqinni guddaa moora qabsoo Oromoo keessa waggoota dheeraaf ture wal-hubannoofi wal-dhaggeettiin JSO gidduutti dhabamuu ta’uu isaa adda baafanneera. Carraa jijjiiramaa ammaan kana argametti fayyadamuudhaan hanqinoota nu gidduu jiran furuun moora ...

#SEENAA #DHUGAA Ani Dhalataa Magaalaa Adaamaati Garuu Amma Kan Jirahu Fi...

Image

Mallattoo waliigaltee paartileen Oromoo ammas irra deebiin waliigalle jechuudhaan kaleessa waliif mallatteessan uummanni keenya akkamitti ilaala laata?

Image
Mallattoo waliigaltee paartileen Oromoo ammas irra deebiin waliigalle jechuudhaan kaleessa waliif mallatteessan uummanni keenya akkamitti ilaala laata? Kanaan dura mallattoo yeroo hedduu waliif mallatteessanii jennaan uummatni gammadee, baga naaf tokkoomtan jedhe e eebbise. Homtuu hojiitti wanti hiikame hinjiru, uummannis itti qaana'e, gidiraaf saaxilame. Ni dararame, hidhaatti guurame, ni ajjeefame, du'a keessaammoo akaakuu du'aa bara Wayyaanee mul'atee hinbeekneenis ajjeefame. Kanaaf amma namni tokkummaa uummata Oromoof dhimmu, kan nageenya Oromiyaaf yaaddoo qabu kan gochuu qabu harka rukutee eebbisuu miti, gaaffii lafa-qabataa gaafachuudha. Mallattoo mallatteessaniif ittigaafatamummaa akka fudhatan gochuudha. Kana gochuuf sababa ga'aatu jira: 1. Yeroo kam caalaa dhimmi 'territorial integrity' Oromiyaa gaaffii jala galee jira; 2. Mootummaan maqaa Oromoon da'atee aangoo qabate uummaticha ganee ganda Ormaatti galuudhaan Oromoon kasaaree jira, diino...

Kan hawwaa fi waywaachaa turre jalqabbii gaarii mul'isee jira.

Image
Kan hawwaa fi waywaachaa turre jalqabbii gaarii mul'isee jira. Dhaabonni Oromoo gaaddisa waloo tokko moggaafatanii walii galtee mallattessuun isaanii waan gammachiisaa dha. Walii galtee milkii kan hojiitti hiikamu nuuf haa tahu! Waa jalqabuu qofa osoo hin taane waan jalqabe kabajee, kunuunsee warra galii isaan gahu nu haa godhu! Kan walii galtee har'a itti amane kana bor deebi'ee cabsu yoo jiraate gabaa siyaasaa Oromoo keessaa haa bahu. Ulfina wal dhowwachuu fi waliin hojjechuu dadhabuudhaan waan heddu wal kasaarsine. Walii galteen kun kan itti hundi buufatuu fi hunda caalaa saba guddatee bicuudhaan tuffatamaa jiru kanatti kabaja horu haa tahu. Ummanni Oromoos waan jalqabame kana meerre eessa gaheera jedhee yeroo yeroodhaan hordofuu toyachuu dagachuu hin qabu.Hunda caalaa walii galteen jaarmayaalee siyaasaa Oromoo gidduutti tahe kun olola ganda keessatti hammaatee qoqqoodee nu laaffisaa jirutti xumura godhee fuulleffannaa keenya 100% alatti akka deebifnu nu dandeessisuu qa...

WALALLOO AFAN OROMO

Wayyoo yaa uummata koo.. - Maal wayya - maal siif ta'u? Kan kee garaa na nyaata Siif darbuu kee utuun eeguun Ofii koo darbaa laata? Walaloon koo har'as gadda Akkuma isa kaleessaa "Ishoo baga siif darbe" jedhee Gaafa kamin barreessaa? Qe'ee keetti salphattee Boquudhaan lafa ilaalta Ganama tokko awwaaltee Galgalas tokko awwaalta! Gidiraa keefi caba kee Hin agarree Waaqayyo? Bara naaf darba jettes Siif darbu dide wayyoo! - Ilmaan kee - ijoolleen kee Haara galfiif abdattee Dafqa illeerraan facaastee Warri ati barsiifatte.... Tokkummaa ijaarrattee Gatii kee baasuu mannaa Wabiifi gaachana taatee Lafaa si kaasuu mannaa.... Har'as akkuma durii Si hambisuuf rakkootti Gamaafi gamana teessee Ciqileedhaan wal dhoofti. - Kaleessa ormaan boossee Har'a ilmaan keen yoo boossu Coba imimmaan fuula kee Mee maaliin sirraa qoorsu? Na waade rakkinni kee Mar'umaantu na cabe Wayyoo yaa uummata koo Waanan siif godhun dhabe!

Gaddi Oromoo tokkoo isa kaaniif gammachuu ta'uu hin danda'u

Gaddi Oromoo tokkoo isa kaaniif gammachuu ta'uu hin danda'u. Salphinni Oromoo bakka tokko jiruu, isa bakka biraa jiruuf ulfina ta'uu hin danda'u. Inni Oromoo tokko cabsee...gidirsee bulchuu yaadu, Oromoo isa biraa mirgasaa eegeefii bilisummaadhaan bulcha jedhanii yaaduu caalaa gowwummaan hin jiru. Oromoo qoodanii bulchuun amala abbaa irrummaa - amala wayyaaneeti. ~ Yaa Oromoo, siidaa tokkummaa kee hin jigsiin. Warra abalu xuraawaadha, abalu qulqulluudha siin jedhus hin dhaggeeffatiin. Walumaan dhiignee - walumaan du'aa baane. Budaafi jinniin hin jiru. Dogoggorte wal gorfadhu. Laafte wal jabeessi. Firris, diinnis gaafas si kabaja!

Ani haadan fo'a

Ani haadan fo'a Qallisi maa hin jenne? Ani yaadan boo'a Callisi maa hin jenne? Ani haadan fo'a Haada waraabessaa Ani yaadan boo'a Yaada garaa keessaa! Ani haadan fo'a Maaltuu si foosisa? Ani yaadan boo'a Maaltuu si boossisa? Wanti na boossisu Si boossisa taanaan Wanti ana dhukkubsu Si dhukkubsa taanaan.... Ija waliin laalaa Miila waliin dhaqnee Rakkinaa ni baana Harka wal qabannee! jedhan warri #Harargee! Gaazexeessaa Ibraahim Hajii Aliitu gaaftokko natti hime!

IBSA DHAABBILEE SIYAASAA OROMOO (ONKOLOLESSA 1,2019)

Akkam Ooltan? Nu waan agartan saniifi kan birootti oolle. Abdiin jira. Shakki akka qabdan naaf gala. Dhugaa qabdan. Wanti akkanaa amma duras yaalamee akka bakka eeggame hin gain namuu beekna. Marsaa kana garuu kan duriin adda gochuu yaallee jirra. Waan hojjanne hunda ammatti isinitti hin himnu. Waanuma ijoon isiniif qooda. - Ji'a 6 yeroo ta'uuf marii hogganoota paartilee siyaasaa geggeessaa turre. Marii kana hayyoonni hirmaachuun gargaaraa turan. Dhaabbata CBCD jedhamutu qindeessuun nu gargaare. Dhumarratti waliigaltee lamaafi ijaarsa tokko gadi baafne. Ejjannoo waloofi safuu/irbuu jaarmayoota siyaasaa Oromoo har'a mallatteessan kana qopheessine. Akkasumas wixinee Gaaddisa Hoggansa Oromoo dhaabuu lafa keenye. - Guyyoota lamaan kana waan ji'a jahaaf dalagne san lafa qabsiisnee hojitti huukuuf mariifi shaakala nu dandeessisu hojjanne. Marii guyyoota alamaanii kana dura taa'ota dabalatee jaarmayoota hunda irraa nama kudhan kudhan hirmaachifne. Mariifi shaakkala ja...

Breaking News DAIMAN OROMO Walloo

Qaama dhimmi kuni ilaallatu hundaaf "Ijoolleen oromoo walloo kanaan dura kutaa 1 - 4 kitaaba barnootaa oromiyaatti qophaa'ee ergamuun barachaa as gahan.nutis isuma oromiyaatti qophaa'een barannee as geenye.garuu amma mootummaan naannoo amaaraa kan oromiyaarraa dhufu ugguree kitaaba kolleejjii debrebiranitti amaarri aadaa,seenaa fi hambaalee amaara amaara urgaahuun qopheessanii, gadi galoo eenyummaa isaaniif dantaa hin qabne barsiisoota koolleejjii barsiisota kamiseetiin gara afaan oromoo jijjiramee hojiirra oolee erga itti barsiisamuu jalqabee bubbuleera.gochi kuni yeroo godhamuu itti gaafatamaan biiroo barnootaa godina oromoo walloo yeroo sana tures calliseetuma akka hojiirra oolu taasise.Afaan oromoo wallootti akka baduuf dadhabsiisuudhaaf gosa barnootaa Afaan oromoo kutaa 1-4 barataaf hin kennamu.maaliif yeroo jedhaman tokkittii kan barsiisaan itti barsiisu malee hin jiru jedhu.garuu kitaaba afaan oromoo 1-4 haarawa isaa kutaalaan fa'anii suuqiitti yeroo gurgura...