Ani haadan fo'a


Ani haadan fo'a
Qallisi maa hin jenne?
Ani yaadan boo'a
Callisi maa hin jenne?
Ani haadan fo'a
Haada waraabessaa
Ani yaadan boo'a
Yaada garaa keessaa!
Ani haadan fo'a
Maaltuu si foosisa?
Ani yaadan boo'a
Maaltuu si boossisa?
Wanti na boossisu
Si boossisa taanaan
Wanti ana dhukkubsu
Si dhukkubsa taanaan....
Ija waliin laalaa
Miila waliin dhaqnee
Rakkinaa ni baana
Harka wal qabannee! jedhan warri #Harargee! Gaazexeessaa Ibraahim Hajii Aliitu gaaftokko natti hime!

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa