Kan hawwaa fi waywaachaa turre jalqabbii gaarii mul'isee jira. Dhaabonni Oromoo gaaddisa waloo tokko moggaafatanii walii galtee mallattessuun isaanii waan gammachiisaa dha. Walii galtee milkii kan hojiitti hiikamu nuuf haa tahu! Waa jalqabuu qofa osoo hin taane waan jalqabe kabajee, kunuunsee warra galii isaan gahu nu haa godhu! Kan walii galtee har'a itti amane kana bor deebi'ee cabsu yoo jiraate gabaa siyaasaa Oromoo keessaa haa bahu. Ulfina wal dhowwachuu fi waliin hojjechuu dadhabuudhaan waan heddu wal kasaarsine. Walii galteen kun kan itti hundi buufatuu fi hunda caalaa saba guddatee bicuudhaan tuffatamaa jiru kanatti kabaja horu haa tahu. Ummanni Oromoos waan jalqabame kana meerre eessa gaheera jedhee yeroo yeroodhaan hordofuu toyachuu dagachuu hin qabu.Hunda caalaa walii galteen jaarmayaalee siyaasaa Oromoo gidduutti tahe kun olola ganda keessatti hammaatee qoqqoodee nu laaffisaa jirutti xumura godhee fuulleffannaa keenya 100% alatti akka deebifnu nu dandeessisuu qaba. Hanqina ganda keessa jiru osoma beeynuu milkii walii galtee kanaaf jecha wal qusannee fuula keenya diina alaatti haa deebifnu. Kanneen walii galtee kana qindeesse, mallatteessee fi deeggare hundaaf galataa fi kabaja qabna.


Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.