Breaking News DAIMAN OROMO Walloo



Qaama dhimmi kuni ilaallatu hundaaf

"Ijoolleen oromoo walloo kanaan dura kutaa 1 - 4 kitaaba barnootaa oromiyaatti qophaa'ee ergamuun barachaa as gahan.nutis isuma oromiyaatti qophaa'een barannee as geenye.garuu amma mootummaan naannoo amaaraa kan oromiyaarraa dhufu ugguree kitaaba kolleejjii debrebiranitti amaarri aadaa,seenaa fi hambaalee amaara amaara urgaahuun qopheessanii, gadi galoo eenyummaa isaaniif dantaa hin qabne barsiisoota koolleejjii barsiisota kamiseetiin gara afaan oromoo jijjiramee hojiirra oolee erga itti barsiisamuu jalqabee bubbuleera.gochi kuni yeroo godhamuu itti gaafatamaan biiroo barnootaa godina oromoo walloo yeroo sana tures calliseetuma akka hojiirra oolu taasise.Afaan oromoo wallootti akka baduuf dadhabsiisuudhaaf gosa barnootaa Afaan oromoo kutaa 1-4 barataaf hin kennamu.maaliif yeroo jedhaman tokkittii kan barsiisaan itti barsiisu malee hin jiru jedhu.garuu kitaaba afaan oromoo 1-4 haarawa isaa kutaalaan fa'anii suuqiitti yeroo gurguranii namoota magaalaa baatee keessa jirantu ijaan arge.I/G mana barumsaa Magaalaatti amaara.

"👉Kitaaba saayinsii naannoo kutaa 3 fi 4 irratti kallattumaan kan warra amaaraa gara afaan oromootti akkuma translate godhameen kan ittiin barsiisamaa jiru seenaa gootummaa minilik fi Tewdroos waraana irratti diina ittiin mo'achaa turan barreessuudhaan daa'ima ol guddattutti summii obaasanii sammuu ijoollee ugguraa jiru.warri barattootaa ijoolleen keenya qubee hin beekan yeroo kutaa 5 olitti darbanis maquma isaanii hin barreessan jechuudhaan gaaffii itti ta'aa kan ture icitiin isaa kanumadha.

"👉Barsiisoota kutaa 1-4 kitaaba saayinsii kanumaan barsiisaa as gahan seenaan isin ha gaafatuu.
👉Barsiisaa kolleejjii barsiisota kamisee #Abdulhaq_Alawwii Gadi galoo seenaa isaa wallaalee eenyummaa isaa ganee kitaaba kana gara afaan oromootti jijjire hatattamaan kolleejjii barnoota barsiisota kamisee irraa arihamuu qaba.
akkasumas kitaaba kana kan gulaale #Alamuu_Mootummaa arihamuu qaba.

"Oromoon Walloo akka waan seenaa hin qabnee barri dirqiin seenaa habashaa ittiin dhalootni oromoo walloo baratu hin jiru.kitaabni afaan amaaraa irraa translate godhame hatattamatti ha gubatuu.kitaaba asii gadii kana bara barnootaa kana barattoota kitaaba fudhatan irraatin arge."

#Dhalootni_Oromoo_Walloo_Seenaa_nafxenyaatiin_hin_Guddattu!!!!!!

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa