Ilmaan Oromoo Wallaggaa kanneen gandoota Daangaa buulchiinsa Beenishaangul Gumuz Irra Jiran Hidhattoota Gumuziin Rukkutamaa, Ajjeefamaa fi Qabeenyi Isaanii Barbadaa'aa Jira.
Ilmaan Oromoo Wallaggaa kanneen gandoota Daangaa buulchiinsa Beenishaangul Gumuz Irra Jiran Hidhattoota Gumuziin Rukkutamaa, Ajjeefamaa fi Qabeenyi Isaanii Barbadaa'aa Jira. Goodina Wallagga Bahaa fi lixaa ilmaan Oromoo daangaa bulchiinsa naannoo Beniishaangul Gumuz keessa jiraatan hidhattoota Beniishaangul Gumuziin rukkutamaa, ajjeefamaafi qabeenyi isaaniis barbadaa'aa akka jiru beekameera. Haaluma kanaan goodina wallagga lixaatti ilmaan Oromoo Aanaa Mana Sibuu Daaleti fi Odaa Goodarree, Karaa Najjoo, Billaa dangaa Kamashii Agaloo Meexxii, Wallaggaa baha Aanaa Saasiggaa gandoota Baloo, Bareedaa, Soogee, Aana Giddaa Ayyaanaa ganda Lallistuu Angar, aanaa Limmuu ganda Caakkaa dhiigaa, haroo limmuu fi kkf keessa jiraatan lubbuu isaanii baraaruuf qe'ee isaanii dhiisanii baqachaa akka jiran gabaafameera. Dabalataanis haleellaa kanaan walqabatee abbootiin warraa 13,000 ol tahan qe'ee fi qabeenya isaanii dhiisuun naannoo Benishaangul Gumuz keessaa gara Oromiyaatti baqat...