Fayyadamummaa Uummataa
Yoo akkuma afaaniin goftaan keenya ummata keenya jettan kanatti yaaddan, kan harayoomsamuu hayyama Albuuda san quba qabu isinii, maaliif callisatanii ta'aa turtan? Silaa Ummanni keenya sagalee tokkoon mormuu baatee wanti kun ummata miidha jettanii mormiituu laata? An natti hin fakkaatu. Ummanni keenya waggaa 20 oliif rakkoo kana baadhatee deemaa ture. Rakkaa kana furuufiis waan dandayu hunda karaa nagayaan gaafatee ijibbbaatee dadhabee mormitti seene. Isin OPDO'n tun amma aylii nutti baasuu barbaaddanii odeessitu malee dantaa ummata keenyaa eegsisuu fii kabachiisuuf fedhii fii kayyoo tokko hin qabdan. Silaa dantaa ummata keenyaa kabachiisuuf, karoora qabattanii kaka'umsa mataa keessaniitiin ummata dura gocha kana mormitanii dhaabsiftu ture. Amma Ummanni morminaan akka nama hin dhagayinittii lafaa kaatanii ni furraa nu obsaa jettannii waywaattu. -- Ummanni keenya jechaa OPDO fii gocha isiin dirqamtee hojjattu dhiisanii niyaa ( intention) isaanii laaluu qaban. Silaa Ummann...