Fayyadamummaa Uummataa
Yoo akkuma afaaniin goftaan keenya ummata keenya jettan kanatti yaaddan, kan harayoomsamuu hayyama Albuuda san quba qabu isinii, maaliif callisatanii ta'aa turtan? Silaa Ummanni keenya sagalee tokkoon mormuu baatee wanti kun ummata miidha jettanii mormiituu laata? An natti hin fakkaatu. Ummanni keenya waggaa 20 oliif rakkoo kana baadhatee deemaa ture. Rakkaa kana furuufiis waan dandayu hunda karaa nagayaan gaafatee ijibbbaatee dadhabee mormitti seene. Isin OPDO'n tun amma aylii nutti baasuu barbaaddanii odeessitu malee dantaa ummata keenyaa eegsisuu fii kabachiisuuf fedhii fii kayyoo tokko hin qabdan. Silaa dantaa ummata keenyaa kabachiisuuf, karoora qabattanii kaka'umsa mataa keessaniitiin ummata dura gocha kana mormitanii dhaabsiftu ture. Amma Ummanni morminaan akka nama hin dhagayinittii lafaa kaatanii ni furraa nu obsaa jettannii waywaattu.
--
Ummanni keenya jechaa OPDO fii gocha isiin dirqamtee hojjattu dhiisanii niyaa ( intention) isaanii laaluu qaban. Silaa Ummanni Oromoo mormuu baatee OPDO'n maal gochuuf callifte?
Xalayaan hayyamaa san kan kenne hogganaa OPDO olaanaadhaa, OPDO'n haarayoomsa hayyamaa kana ummata dura dhageessee maaliif hin mormin? Duraan osoo beekanuu callisanii amma Ummanni morminaan ni furra jedhanii odeessuun maaliif barbaachise ? Jennee of gaafachuu qabna.
--
Seenaa OPDO fii hujii isii kan ammaa yoo laalle balaa Oromoo irratti aggaamame kan OPDO fedha isiitiin ummata dura mormitee dhaabde hin jiru. Kun ammoo OPDO'n akka dhaabaatti dantaa ummata keenyaa kabachiisuuf niyaa tokkolleen akka hin qabne agarsiisa. OPDO 'n yoo Ummanni keenya cimsee morme malee balaa Oromoo irratti aggaamamu osoo agartuu callistee laalti/ balaa Oromoo irraan geessi. Kanaaf, kabajamuu mirga keenyaaf wabii kan tahu humna ummata keenyaa malee OPDO tahuu akka hin dandeenye dubbii tanaarraa hubachuu dandeenya. Kanaaf, akka nama dhala gaangee eeguutti OPDO eeguu dhiifnee humna ummata keenyaa cimsuu qabna.
Nagayatti!
Fayyadamummaa Uummataa
--
"Uummatni Gooftaa Keenya" yoo jennu jecha qofaan miti. Dhaabbanni keenya DhDUOn uummata keenya wanti dursu kamiyyuu akka jiraatu hin barbaadu. Kan qabsaa'uufis uumata bal'aa Oromoof waan ta'eef kan uummata Oromootti bu'e akka ija isaatti bu'etti ilaaluun wareegama barbaachisu hunda kafalee fayyadamummaa uummata Oromoo kabachiisuuf halkanii fi guyyaa qabsaa'uurratti argama.
Haaluma kanaan pirojektootaa fi investimentiiwwan adda addaa naannicha keessatti hojjetamu kan faayidaa uummataa hin eegnee fi miidhaa qaqqabsiisan hundi akka itti hin fufneef ni qabsaa'a. Dhimma invastimantii 'Midrock Gold's ijuma kanaan ilaala. Utuu uummanni keenya komii kaasuu hojiin hojjetamu waan barbaadellee yoo ta'e akka itti hin fufne ejjennoodhaan qabsoofna. Kanarraa ka'uudhaanis haaromsamuu eeyyama invastimantichaa kan hin fudhannee fi akka haqamuufis cimnee ni hojjenna.
Gama biraadhaan fayyadummaa uummata keenyaa sadarkaa olaanaan guddisuun guddina eegalame itti fufsiisuuf humna hoggansaa keenya cimsuuf waltajjiiwwan yeroo ammaa Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa hundarratti eegalaman sirnaan hogganuun bakka komeen uummataa jirutti tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuun gahee akka biyyaa fi naannoo keenyaatti nutti kenname gahumsaan bahachuuf ni hojjenna. Kanaafis hirmaannaan uummata keenyaa barbaachisaa waan ta'eef uummanni keenya karaa haqa qabeessa qabsoo barbaachisaa taasiuun bu'a qabeessummaa waltajjichaa akka mirkaneessu dhaamsa keenya dabarsina.
Oromiyaa jaallannu karaa haqa qabeessaa fi kutannoon hojjechuudhaan haa guddisnu!
Horaa Bulaa!

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.