Posts

Showing posts from May 10, 2019

WAA SHANAN KANA BEYTUU LATA SIIDAA ANOLEE ILALCHISEE ?

Image
Image copyright WALDAA AADAA OROMOO OTAAWAA Aanoleen siidaawwan yaadannoo Oromoota gita bittaa dura dhaabbachuun yeroo gara garaatti wareegamaniif ijaaraman keessaa isa tokkodha.  Siidaa Aanolee ilaalchisee waan beekuu barbaaddan shan akka harmaan gadiitti tarraa'eera. 1. Siidaan Aanolee eessatti argama? Siidaan Aanolee godina Arsii magaalaa Ittayyaa irraa gara harka mirgaan kiiloo meetira 10 irratti argama. Qorataafi Barsiisaan Seeraa Kadhimamaa Doktoraa Birraatuu Qana'ii iddoon kun bakka waraanni Minilik Oromoota walitti qabee warra dhiiraa harka mirgaa, warra dubartootaa ammoo harma mirgaa itti muredha jedhu.  Oromoon gita bittaa ofirraa qolachuudhaaf qabsoo waggoota hedduudhaaf taasise keessatti Oromoonni Shawaa, Walloo, Arsiin adda durmmaan heeramu jedhan. Bakki Siidaan Aanolee kun itti argamu ammoo bakka Oromoon Arsii waraana Minilikiifi gita bittaa yeroo sana dura dhaabbatee gatii baasaa turedha. Waa'ee 'Ya Burqaa Zimmitaa' kana beektuu? Q...