Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaafi harma itti muran ture. "Arsiin lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhan."
Maalummaa saba tokkoo isa har'aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa ta'a jedhuObbo Birraatuun. Seenaa Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har'aa cimsachuuf baayyee barbaachisaadha. Yaadannoon wareegamtoota Aanolees kanuma dhugoomsa.
Dizaayiniifi ijaarsi Siidaa Aanolee kun gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa uummata Oromoo irratti raawwatame akkaataafi bakkaan kan ibsudha.
"Kaayyoon isa inni guddaan gochi badii akkasii kun akka hin dabalamneefi dhaloonni dhufu akka irraa baratu gochuudha."
Akka isaan ibsanitti, dhaloonni waan uumamee ture kana irraa barachuu qofa osoo hin taane, wanti raawwatame sun beekamtiin yoo kennameef dhaloonni akka nagaa uuman taasisa.
Yakka bara sana raawwatame caalaa kan hammaataa ta'u, kan isaan yeroo ammaa maaliif namoota gocha suukkanneessaan dhuman sanaaf yaadannoon ta'aadha jedhau Obbo Birraatuun. Miidhaa ture beekamtii dhowwachuun ykn haaluun biyya balaa irra buusa malee furmaata hin ta'u.
Arsiin erga siidaan kun achitti dhaabbateen booda Amaara tokkoyyu hin tuqne. Kanaaf, Siidaa Aanolee kana irratti maqa balleessiin ykn haarsaa bara sana kaffalame waanti busheessu yoo dhufe uummata dheekkamsiisa, jedhanii amanu.
Gochi akkasii hin raawwatamne' uummata walitti buusuudhaaf yaadameeti jechuun ijaaramuu Siidaa Aanolee kana kan morman jiru.
Akka Obbo Birraatuutti, warra abbootiin isaanii harkaafi harma muran caalaa kan nama madeessaa jiran warra Siidaan Aanolee maaliif ijaarame jedhanidha. "Isaan kun of qusachuu qabu," jedhu
Get link
Facebook
X
Pinterest
Email
Other Apps
Comments
Popular posts from this blog
From your best Nabuli Usmayoo Musa May Allah bless you and your family. Happy Ramadan Kareem! I hope you will achieve the purification of the soul upon commemorating the month of Ramadan. Wishing you a blessed and Happy Ramadan!
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.