Posts

Showing posts from September 5, 2018
#CIROO DAMMAQII HARARGEE Miidiyaan hawaasaa Akkanaan marii ummataa irraa ittiffamee harka maratee Mooraa Ala taa'aa jira  . miidiyaaniis tuffatamee ummata keenya wajji bakka dhabee rakkachaa jira .opdon eenyu tajaajiluuf kana hojjachaa jirti. dammaqi harargee !!

#Harargee Lixaa

#Harargee Lixaa Akkuma Godina Baaleetti nama uummanni hin fedhu jedhee mootummatti iyyate yoosuu jijjiiraneetti,  Haragee Lixaattis nama uummanni ni feenaa jedhus irraa kaasuun sirrii natti hin fakkaatu. Nama uummata bulchu Finfinneetti muudanii erguu osoo hin taane, nama uummanni jaalatuufi beeku uummata keessaa muuduttuu fala.  Harargeen naannummaa hin qabu! Qondaaltoota Harargee Lixaa kan uummanni H/lixaa kan nurraa hin buusiina jechuun hiriira itti bahaa jiran sadiin keessa lama dhalattoota godina Baalee fi Wallaggaa akka ta’an madda amanamoo irraa qulqulleeffadheera. Har’aayyuu “ilaalcha ABO qabda” jechuun namatti gamuun kun, OPDO ille hin fayyaddu; ABO ille hin fayyaddu, diina fayyaddi akkasitti quba qabaadha.