Himannaan miidiyaalee fi namoota 2 adda cite...
Himannaan miidiyaalee fi namoota 2 adda cite Finfinnee, Caamsaa 21,2010(FBC)-Abbaan Alangee Federaalaa himannaa, miidiyaalee teessoo isaanii biyya alaa taasifatan; kan OMN fi Iisaat, akkasumas kan obbo Jawaar Mahaammadii fi Dooktar Birihaanuu Naggaarratti bane akka adda citu gaafateera. Abbaa Alangee Federaalaatti daayreektoreet daayreektarri hordoffii yakkoota biyyaa daangaa ce'anii obbo Birihaanuu Wandimmaagany Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, himannichi labsii lakkoofsa 943/08 keeyyata 6, buufata xiqqaa 3/a dhan akka adda citu murtaa'era. Abbaan Alangee Federaalaa himannaan isaanii akka addaa citu xalayaa Mana Murtii Federaalaa Olaanaa dhaddacha 19ffaaf kan barreesse yammuu ta'u, manni murtichaas gaafficha fudhateera. Himannaan miidiyaalee lamaanii, kan obbo Jawaarii fi Dooktar Birihaanuu galmee Dooktar Mararaafaa jalatti banameen ilaalamaa tureera.