Dhimma Harargee Jidduu kana Ummanni keenya kan Harargeedhaa "nama nu bulchuu nuutu murteeffata gubbaa nurratti fe'ameen hin bullu "jechudhaan falmachaa turan. Gaafii ummataa tana dabsanii jijjiranii maqaa naannummaa fii gandummaa itti moggaasuudhaan akka Ummanni keenya tokkummaan dhaabbate hin falmanne akkasumaas gaafii ummata keenyaa akka ummata Oromoo godinaalee biroo jibbuurraa ka'eetti dhiheessuudhaaf yaaliin dabballoonni OPDO godhaa turan osoo hin milkaahin hafee jira. Qabsoo Ummanni keenya godheen namni OPDO'n ummata keenyarratti dirqiin feete hafuus namni ummanni nu haa bulchuu jedhee gaafate san gama hoggansaatti akka hin dhufne godhuudhaan namoonni biroo akka gama hoggansaatti dhufan godhameeti jira. Namni amma dura bu'aa Godina Harargee Lixaa godhame kun nama muxannoo waggaa dheeraa qabu ( Dean kolleejji Qonna Kombolcha ture, yeroo dheeraaf itti aanaa Godina Harargee bahaa ture, sadarkaa Oromiyaatti biiroo qonna Oromiyaa keessa hojjataa ture...