Dhimma Harargee Jidduu kana Ummanni keenya kan Harargeedhaa "nama nu bulchuu nuutu murteeffata gubbaa nurratti fe'ameen hin bullu "jechudhaan falmachaa turan.

Dhimma Harargee

Jidduu kana Ummanni keenya kan Harargeedhaa "nama nu bulchuu nuutu murteeffata  gubbaa nurratti fe'ameen hin bullu "jechudhaan falmachaa turan.

Gaafii ummataa tana dabsanii jijjiranii maqaa naannummaa fii gandummaa itti moggaasuudhaan akka Ummanni keenya tokkummaan dhaabbate hin falmanne akkasumaas gaafii ummata keenyaa akka ummata Oromoo godinaalee biroo jibbuurraa ka'eetti dhiheessuudhaaf yaaliin dabballoonni OPDO godhaa turan osoo hin milkaahin hafee jira.

Qabsoo Ummanni keenya godheen namni OPDO'n ummata keenyarratti dirqiin feete hafuus namni ummanni nu haa bulchuu jedhee gaafate san gama hoggansaatti akka hin dhufne godhuudhaan namoonni biroo akka gama hoggansaatti dhufan godhameeti jira.

Namni amma dura bu'aa Godina Harargee Lixaa godhame kun nama muxannoo waggaa dheeraa qabu ( Dean kolleejji Qonna Kombolcha ture, yeroo dheeraaf itti aanaa Godina Harargee bahaa ture, sadarkaa Oromiyaatti biiroo qonna Oromiyaa keessa hojjataa ture). Itti aanaan isaas nama jabaadha oduun jettu jirti.

Namoonni lamaan kun dhugumaan nama jabaa tahuu dandayu. Haatahuu malee, namni Ummanni nuuf taha jedhe dhiifteeti OPDO'n jara kana gara muudde. Ammaas jara kana OPDO muudee malee ' Ummanni hin filanne '.

An kan Ummata bulchuu qabu nama Ummanni itti amane nama Ummanni filate malee nama dhaabni gubbaarraa irratti fe'e tahuu hin qabu jedhee waaniin amanuuf gaafiin ummataa deebisaa sirnaa argate jedhee hin amanu. Sababni isaas namni OPDO gubbaa muuddu kun hoggantoota isa muude gammachiisuuf hojjata, dantaa warra isa muudee guutuuf carraaqa malee kan ummataaf carraaqa jedhee hin amanu.

Dhimma kanaan wal qabatee OPDO'n nama Ummanni nuhaa bulchuu jedhee gaafate dhiiftee nama biraa maaliif ummatarratti muuddi gaafiin jedhuus ka'uu qaba.

Hoggantoonni haaraya filaman kun dhalattoota Harargee bahaa tahuu isaanii yoon ilaalu, OPDO'n isaan kana muuduun QEEYROO Harargee lamanii dhimma kanarratti adda qoodamte mormii dhiisuu dandeessi yaa jedhu qabatanii tahuu mala. Kanaaf, QEEYROO teenya hoggansa amma muudame kana cinaa dhabbatanii karoora isaani fashalsuudhaan hoggansa amma muudame kana hujiin madalanii yo hin taane firraa kaasuu qabu.
Fuula duraaf ammoo filannoo gandaa fii aanaa irratti Ummanni keenya dammaqinaan hirmaatuu qaba ammummarra nama isaan bulchuu qopheeffataa deemuu qabuun jedha.

Kanaaf, gaafii ofiin of bulchuu san baala jidduu kaayannee gaafii weeyrara daangaa fii magaalota keenyaa irratti qabsoo itti fufuudha qabnaan jedha.

Xururarratti, Ilmaan Oromoo olola Milkeessaan faan ummata keenyarratti banan kana dhugaa dubbatuun fashaleessitan hundi Galatoomaa!

Galatoomaa, yoon dogoggore na sirreessaa!

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa