The association of Engineer of Ethiopia, Injinarichi ofiin of ajjeese kan jedhu kun dhugaa tahuu mala.

Injinarichi ofiin of ajjeese kan jedhu kun dhugaa tahuu mala. Namni sun kiyyoo hamaa keessa seenuu isaa of beeka ture. Gama tokkoon yakka warri Waraabessaa hdiha sana harkifachiisuu irratti godhan sirriitti beeka waan taheef saaxiluutu isarra ture. Gama kaaniin ammoo yoo sana godhe isaa fi maatii isaarra balaa gahuu malu sodaata. Akkasumas namni sun akka malee kan Mallas Zeenaawii jaalatu akka ture yeroo yaadatamu, yakka cifraan Mallas raaw'tan saaxiluu jechuun isaaf gara jabina guddaa gaafata. Gara jabina sana horachuu dhabuu irraa, akkasumas hidha sana xumursiisee seenaa isaa galmee irratti galmeessifachuuf hawwiin qabu akka bishaan jalaa dhuge hubachuu irraa hadheessee of jibbuu mala. Gaafa du'e san dhimma hidha sanaa irratti ibsa gaazexessitootaaf kennuuf eegamaa akka ture ni yaadatama. Ibsa sana irratti dhugaa dubbachuu fi dhugaa dhoksuu keessaa kan filatu wallaalee of jibbuun tarkaanfii of balleessuu sana fudhachuu mala kan jedhu ni deemsisa.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa