Posts

Showing posts from October 7, 2018

AKKAMITTI? Gaafa Liyyuu Poolisiin ilmaan Oromoo #Harargee #Baale #Arsii #Gujii #Booranaa fi kkf irraa kumaantamaan fixxee Miiliyoona Caalan lafa isaanii irraa buqqisan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaafuu haa hiikkatan hin jedhamin.

AKKAMITTI? Gaafa Liyyuu Poolisiin ilmaan Oromoo #Harargee #Baale #Arsii #Gujii #Booranaa fi kkf irraa kumaantamaan fixxee Miiliyoona Caalan lafa isaanii irraa buqqisan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaafuu haa hiikkatan hin jedhamin. Gaafa humni beenishaangul meeshaa gurguddaa hidhatee Oromoota naannoo sana jiraatan kuma dhibbaa ol ta'an lafa isaanii irraa buqqaasuun, lubbuu 20 ol ta'an ajjeessanii, Kurnootaan madeessan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaaf haa hiikkatan hin jedhamin. Gaafa Oromoota Walloo fi Kamisee akkasuma Raayyaa gama Kaabaatin humni meeshaa gurguddaa hidhate ummata keenya nagayaa kumaantamaan fixaa jiranitti mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu haa hiikkatan hin jedhamin... •Akkamitti/hamilee kamiin waraana bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo dhiisee karaa nagaan qabsaawuuf murteesse haa hiikkatu, kana caalaa Obsa fixannee jirra, tarkaanfii fudhanna jedhee qaamni mootummaa ani q...

Yeroon amma keessa jirru bara 1991 wajjin maaliin wal fakkaata, maaliin gara gara? Waan wal fakkaatu: - Ummanni Oromoo irra hedduun mirqaana olaanaadhaan guutamee waan bor itti aanee dhufaa jiru arguu dadhabuu

Yeroon amma keessa jirru bara 1991 wajjin maaliin wal fakkaata, maaliin gara gara? Waan wal fakkaatu: - Ummanni Oromoo irra hedduun mirqaana olaanaadhaan guutamee waan bor itti aanee dhufaa jiru arguu dadhabuu -  Ummanni keenya afaanii aadaa qofa osoo hin taane, siyaasaa fi dinagdeedhaan bilisoomuuf hawwii guddaa qabaachuu. (dubbii Finfinnee irraa kan hafe siyaasaadhaan bilisoomeera) - Hidhannoon waraanaa biyya keessa faca'ee jiraachuu. Murna sirna beekuu fi sirna hin beekne hunda bira ibiddi nama ajjeesuu toyannoo tokko malee qaama hin beekamneen tamsa'ee argamuu. - Ummatoonni biroon Oromoon ijaaramuu fi dammaquusaatti shakkii fi sodaa qabaachuu Garaagarummaa har'aa fi 1991 gidduu jiru: - Sadarkaan dammaqiinsa ummataa kan har'aa kan bara 1991 fagoo caala. (kun abadchiisaa dha) - Hireen saffisaan wal qunnamuu har'a jiru kan 91 baay'ee caala. (kun faayidaa qaba) - Dhaabni siyaasaa Oromoo kan namni sabboonummaa qabu irra hedduun itti amanu tokkic...