AKKAMITTI? Gaafa Liyyuu Poolisiin ilmaan Oromoo #Harargee #Baale #Arsii #Gujii #Booranaa fi kkf irraa kumaantamaan fixxee Miiliyoona Caalan lafa isaanii irraa buqqisan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaafuu haa hiikkatan hin jedhamin.

AKKAMITTI?

Gaafa Liyyuu Poolisiin ilmaan Oromoo #Harargee #Baale #Arsii #Gujii #Booranaa fi kkf irraa kumaantamaan fixxee Miiliyoona Caalan lafa isaanii irraa buqqisan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaafuu haa hiikkatan hin jedhamin.

Gaafa humni beenishaangul meeshaa gurguddaa hidhatee Oromoota naannoo sana jiraatan kuma dhibbaa ol ta'an lafa isaanii irraa buqqaasuun, lubbuu 20 ol ta'an ajjeessanii, Kurnootaan madeessan mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu kanaaf haa hiikkatan hin jedhamin.

Gaafa Oromoota Walloo fi Kamisee akkasuma Raayyaa gama Kaabaatin humni meeshaa gurguddaa hidhate ummata keenya nagayaa kumaantamaan fixaa jiranitti mootummaa tokko keessa waraanni lama jiraachuu hin qabu haa hiikkatan hin jedhamin...

•Akkamitti/hamilee kamiin waraana bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo dhiisee karaa nagaan qabsaawuuf murteesse haa hiikkatu, kana caalaa Obsa fixannee jirra, tarkaanfii fudhanna jedhee qaamni mootummaa ani qaama jijjiiramaati jedhu labsa baasa? Akkamitti dhimmi ajjeeffamuu nama keenyaa ykn lubbuun nama keenyaa gatii dhabee hidhannoon nama keenyaa hiikkamuuf buxaalama? Akkamitti qaamni mootummaa WBO hiikkachiisuuf onnee guutuun labsa baasee obsa fixanne jedhu kuni warra meeshaa gurguddaa #Girnoovz fi #Isnaaypara hidhachuun Ummata keenya ajjeessa, baqachiisaa jiran kana hiikkachiisuu dadhabe? Hiikkachiisuu dhiisiiti labsa akka amma baasanii kana baasanii kana afaanifillee irratti baasuu dadhabe? Deebii isaa isiniifin dhiisa.

Fawaz Ahmad Oromiya tiin
Onkololeessa 7, 2018

#Injifannoo_Ummata_Oromoof

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa