Yeroon amma keessa jirru bara 1991 wajjin maaliin wal fakkaata, maaliin gara gara? Waan wal fakkaatu: - Ummanni Oromoo irra hedduun mirqaana olaanaadhaan guutamee waan bor itti aanee dhufaa jiru arguu dadhabuu

Yeroon amma keessa jirru bara 1991 wajjin maaliin wal fakkaata, maaliin gara gara?

Waan wal fakkaatu:
- Ummanni Oromoo irra hedduun mirqaana olaanaadhaan guutamee waan bor itti aanee dhufaa jiru arguu dadhabuu

-  Ummanni keenya afaanii aadaa qofa osoo hin taane, siyaasaa fi dinagdeedhaan bilisoomuuf hawwii guddaa qabaachuu. (dubbii Finfinnee irraa kan hafe siyaasaadhaan bilisoomeera)

- Hidhannoon waraanaa biyya keessa faca'ee jiraachuu. Murna sirna beekuu fi sirna hin beekne hunda bira ibiddi nama ajjeesuu toyannoo tokko malee qaama hin beekamneen tamsa'ee argamuu.

- Ummatoonni biroon Oromoon ijaaramuu fi dammaquusaatti shakkii fi sodaa qabaachuu

Garaagarummaa har'aa fi 1991 gidduu jiru:

- Sadarkaan dammaqiinsa ummataa kan har'aa kan bara 1991 fagoo caala. (kun abadchiisaa dha)

- Hireen saffisaan wal qunnamuu har'a jiru kan 91 baay'ee caala. (kun faayidaa qaba)

- Dhaabni siyaasaa Oromoo kan namni sabboonummaa qabu irra hedduun itti amanu tokkichi ABO ture. Hara garuu bakka shanii olitti qircamaadha. Laalcha godinummaatiin xaxamaa dha. (kun yaaddoo dha, qaanyiidhas)

- Bara 1991 ABOn tokkoomsaa saba Oromoo (unifying factor) ture. Har'a garuu ofiifuu wal ciree walitti deebi'uu dadhabee faallaa Oromoo tokkoomsuurratti hiriiree mul'ata. (kun yaaddoo dha)

- Bara 1991 humna aangoorra turetu shira xaxaa ture. Har'a ammoo humna aangoo irraa ka'ee fi aangoof bololutu shira xaxuurratti bobba'e.

Bara 1991 OPDOn dhaaba maqaa Oromoo dhahatee gochaa badii Wayyaaneef meeshaa ta'ee Oromiyaa keessatti jataajilu ture. Har'a garuu ODPiin ''gooftaan koo ummata Oromoo malee Wayyaanee miti'' jedhee ifatti of haaromsee onnee sabaa keessatti mana jaarrachuu bira dabree, ilmaan Oromiyaa dhiisii Itoophiyaa birayyuu taranii Afriikaa bulchuu danda'an of keessaa maddisiisetu aangoo irra jira.  (kun abdii guddaadha)

- 1991tti humni aangoorra ture Wayyaaneen ABO fi mormitoota kaan dhiibee biyyaa baasee Oromiyaa irratti saamichaa fi ukkaamsaa toftaa haaraan hojiirra oolchuuf of qopheessaa ture. Har'a garuu Wayyaaneen hin jiru. Kan jiru mootummaa joollee Abbaa Gadaa tiin durfamtu. Sirni har'a jiru shirri kaleessaa hundumtuu ciramee dimokraasiin dhugaan akka diriiru ABO fi dhaabota birootiin ''mormituu'' jechuu lagatee ''morkituu'' jechuun waahila amna dimokraasii godhachuu kan filatee dha. (kunis abadchiisaa dha)

- Bara 1991tti Wayyaaneen akka ABOn dafee maanoo tuquuf karaa hunda diraamaa irratti hojjechaa baate. Mirqaana ummata keenyaa bara sanaatti dhimma baatee wal waraansi Oromoo fi sablammoota biroo gidduutti akka dhalatu jajjabeessaa turte. Diraamaa sanatti dhimma baatee ABO dhiibdee biyyaa baafte.  Mootummaan amma jiru garuu dhaaba kanas tahee warri alaa galan biroon akka yakka keessa harka hin naqanne, badii uumuu dhiisanii akka walii isaanii tokkkoomsanii sabichaaf gaachana tahan, karaan qawwee hafee karaa kanaan dorgoomanii aangoo qabachuun akka aadeffatamu, badii fi hammeenyaan wal barbaaduun hafee akka dhiifamaa fi jaalalaan walitti ida'amamu guyya guyyaadhaan kadhata. (kun gammachiisaa dha)

Kun waanin taajjabe keessaa hanga tokko. Isinis waan argitan wal bira qabaa yaada wal dabarfadhaa. Karaa qajeelaatti akka deemnuuf wal haa tumsinu. Badii kaleessaa irraa haa barannu.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa