Posts

Showing posts from September 9, 2018

Barruun dhimma G7 irratti katabe sun warra isinitti dheerateef - cuuncaan isaa qabxii dabalataa tokko wliin gabaabinatti kan armaan gadii kana.

Barruun dhimma G7 irratti katabe sun warra isinitti dheerateef - cuuncaan isaa qabxii dabalataa tokko wliin gabaabinatti kan armaan gadii kana. ============== Jarri filannoon akka dheeratu maaf barbaadan? - Ammatti comparative advantage hin qaban. Humna  jaaramayaafi dammaqiinsa ummaataa nutti dhihaatu hin qabnu jedhanii yaadu. Kanafuu yoo yeroon dheerateef; - sabboonummaan Oromoo ni laaffaya jedhanii waan abdataniif - Humni Qeerroo ni laaffata jedhanii abdii qabu - Dhageettiifi deeggarsi #TeamLemma qabu yeroo waliin laaffachaa akka deemu beeku - Deeggartoota  isaanii kakaasanii dhiibbaa uumuum heera mootummaa jijjiiruu fedhu. Kana ammoo duruu eegalanii jiru - Dhaabota Oromoo yaadaan gargar qoqqoodanii laaffisuun dorgoomaa dadhabaa waliin fiiganii moohuu barbaadu.

Hogganaan Gimbot 7 Dr. Biraanuu Naggaa haasaa har'a Finfinneetti godhe keessatti yeroon filmaataa akka achi siqu gaafateera.

Hogganaan Gimbot 7 Dr. Biraanuu Naggaa haasaa har'a Finfinneetti godhe keessatti yeroon filmaataa akka achi siqu gaafateera. Maaliif? Sababni kenname ''sirriitti wal maryannee biyyattii haaraatti jaaruuf waggaan lama qofti nun gahu'' kan jedhudha. Haqni jiru garuu kanumaa? Amma irra dhaabatanii sababa kun jedhameef isa dhugaa hubachuuf rakkisaa tahullee waan tokko tokko kaasuun tilmaamuun ni danda'ama. Akkuma beekamu Dr. Biraanuun erga karchallee seenee booda kitaaba barreesseen ''sabboonummaan Oromoo hangam akka fagaatee deeme arguu kootu na yaaddessinaanin qabsoo seenuu murteeffadhe'' jechuu isaa ni yaadanna. Sabboonummaa kana dafnee rukutuu qabnaa dha ergaan isaa. Hojiidhaanis dhaabni isaa kan agarsiisaa yoona gahe kanuma. Kana malees gaafa Eertiraa turre sana hafuura dhaaba Gimbot7 fi ABO achi ture gidduu ture yoo yaadannu garaagarummaa salphaatti hin araaramne tahuu yaadanna. Humni gaafa san qabsaayota Oromoo waliin magaalaa tokko keessa j...