Hogganaan Gimbot 7 Dr. Biraanuu Naggaa haasaa har'a Finfinneetti godhe keessatti yeroon filmaataa akka achi siqu gaafateera.

Hogganaan Gimbot 7 Dr. Biraanuu Naggaa haasaa har'a Finfinneetti godhe keessatti yeroon filmaataa akka achi siqu gaafateera. Maaliif? Sababni kenname ''sirriitti wal maryannee biyyattii haaraatti jaaruuf waggaan lama qofti nun gahu'' kan jedhudha. Haqni jiru garuu kanumaa?

Amma irra dhaabatanii sababa kun jedhameef isa dhugaa hubachuuf rakkisaa tahullee waan tokko tokko kaasuun tilmaamuun ni danda'ama. Akkuma beekamu Dr. Biraanuun erga karchallee seenee booda kitaaba barreesseen ''sabboonummaan Oromoo hangam akka fagaatee deeme arguu kootu na yaaddessinaanin qabsoo seenuu murteeffadhe'' jechuu isaa ni yaadanna. Sabboonummaa kana dafnee rukutuu qabnaa dha ergaan isaa. Hojiidhaanis dhaabni isaa kan agarsiisaa yoona gahe kanuma. Kana malees gaafa Eertiraa turre sana hafuura dhaaba Gimbot7 fi ABO achi ture gidduu ture yoo yaadannu garaagarummaa salphaatti hin araaramne tahuu yaadanna. Humni gaafa san qabsaayota Oromoo waliin magaalaa tokko keessa jiraachaa walitti dhihaatee haasa'uunii mannaa mootummaa Eertiraa qabatee sabboonummaa Oromoo rukuchiisuuf shiraa ture har'a afaan biraa dubbata jedhamee irraa hin eegamu.

 Namni kun filmaata achi dheeressuuf sababni kaa'e kun of duubaa ergaa biraa akka qabaatu tilmaamama. Haaromsa Oromoon arguu barbaadu waliin qooddachuuf akka fedhii hin qabne sochii alaabaadhaan wal qabatee dabballoonni isaanii Shaggar keessatti godhaa jiran irraa ifatti mul'ata. Filmaanni akka achi siqu maaliif barbaadan gaaffii jedhuuf deebiin natti mul'ate waan tokko qofa.

Akkuma beeynu jijjiirama amma dhufee jarayyuu biyyatti galche kana keessatti wareegama guddaa kan baase Qeerroo  dha. Qabsoo Oromootu hiree ar'a itti abbaan arge shaa shaa jedhaa jiru kana fide. Injifannoon Wayyaanee irratti argame qabsoo Oromootiin akka dhufe hundaafuu ifaa dha. Ginbot 7 kana keessaa qooda sumunii takka hin qabani. Kanaafuu keessi isaanii yaaddoodhaan guutamaa dha. Akka amma jiru kanatti yeroo gabaabaa booda filmaanni kan geggeeffamu yoo tahe hafuurri sabboonummaa Oromoo qilleensa keessa waan jiruuf gaaddidduu nurratti buufata sodaa jedhu qabu. Hafuura sabboonummaa Oromoo kan miira injifannoo keessa jiru kana waliin dorgoomanii mohachuu akka hin dandeenye of beeku. Kanaafuu hafuura injifannoo Oromoo kana summii fi shira adda addaa itti biifanii qilleensa keessaa yoo danda'an dhabamsiisuu dadhaban ammoo huqqisuudhaan erga dadhabsiisanii booda filmaanni akka tahu barbaadu.

Kana dhugoomfachuuf tokkummaa Oromoo diiguu irratti karaa hedduu akka hojjechuuf jiran ammuma irraa tilmaamuu barbaachisa. Kaleessas 'tokkoon keessan qabnee kaan keessaniin rukutuu dandeenya' jechuun Biraanuun dubbachuu isaa warri beeynu quba qabna. Waahilli isaa Andargachoo Tsiggees dhimma Afaan Oromoo afaan Federaalaa gochuu jedhu irratti ''gonkumaa waan hin yaadamnedha. Isa nuti sossobuuf jennee dubbannu dhugaa se'ani'' jechuun akka gaaffii Oromoof obsa hin qabne nutti himaa ture. Haala wal baqannaa fi wal gaarreffannaa dhaabota siyaasaa Oromoo gidduu jiru yoo laallus shira qoqqoodinsa diinaaf saailamaa fakkaata. Isa kana yeroo dheeraa keessatti jabeessanii irratti hojjetanii dhaabota qabsoo Oromoo daranuu walitti diinomsuudhaan tokkummaa sabichaa erga cabsanii booda filmaata seenuu barbaadu. Oromoon kana jabeessee beekkachuun shira diinaaf waan isa saaxilu irraa of eeguu qaba. Yaanni filmaanni achi siquu qaba jedhu kun shiraan kan guutame waan taheef filmaanni yeroo isaatti akka geggeeffamuu qabu ammuma irraa mootummicharratti dhiibbaan cimuu qaba. Abadan hin tahu!

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa