Dargaggoonni 4 Godina Baalee Magaalaa Gindhiir irraa KM 555 deemsa
Dargaggoonni 4 Godina Baalee Magaalaa Gindhiir irraa KM 555 deemsa miilaatiin(Lafoo) guyyoota 17 deemuudhaan hardha Finfinnee seenan. Dr. Abiyyi Ahmad Muummicha Ministeeteeraa tahuudhaan filamuu isaaniitiif gammachuu qaban ibsuufi isaaniinis walarguuf akka ta’e himaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dubbisuufi dhaamsa ummanni Magaalaa Gindhiir itti dhaames qondaaltotaan gahuu akka dhufan himaniiru. Dargaggoonni kunniin