OPDO'n amma aangoo biyyatti olaanoo .....

OPDO'n amma aangoo biyyatti olaanoo fii murteessaa jedhamu qabattee jirti.Aangoo kana fayyadamtee yoo  Oromoo jalaa baastee gaafii Oromoo deebiste baayyee gaaridhaa . Kun taanaan duraaniis maddi rakkoo sirna miti namoota dhunfaa sirna kana keessatti aangoo qabatan jechuu dandeenya.Yoo ammoo osuma aangoo akkuu kana qabanii gaafii Oromoo hin deebisin hafan maddi rakkoo ijoon sirnicha malee aangawootaa miti jechuudha. Akkuma hundattuu ammoo wanti tokko ifaadha amma. OPDO'n / kittilayyoon isaanii kanaa booda Wayyaaneetti quba qabaa jiraachuu hin dandayan. Kanaan dura yoo ajeechaan raawwatamte mootummaa federalaa/ wayyaanee akkana godhe jechaa turan. Amma immoo badii/tola kamiyyuufuu itti kan gaafatamu OPDOdha. Yeroo takka akka activistoota yeroo biraa ammoo akka mormitootaatti rakkina ummataa qofa dubbachuudhan jiraatan dabree jira. Amma aangoo silaa kajeeltan argattanii hujii qabatamaadhaan gaafii ummataa deebisaa.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa