Tokkummaan Oromoo siyaasaa dhaaba tokkoo qofa irratti hin hundaawu.

       Daily News From Oromia.
Tokkummaan Oromoo siyaasaa dhaaba tokkoo qofa irratti  hin hundaawu.
--
Maqaa tokkummaatiin hiree ummata Oromoo dhaaba siyaasaa tokko jalatti galchuuf yaamicha godhamu balaa qaba. OPDO'n haarayoomsa booda waltajjii hundarratti tokkummaa Oromoo lallabdi,tokkummaan Oromoo akka cimuus dhaamsa dabarsiti. Tokkummaa lallabuun gaarii tahee tokkummaa Oromoo siyaasaa dhunfaa isaani qofarratti akka ijaaramutti dhiheessun badidha.Dhuguma tokkummaa Oromoo ummanni keenya barbaaduu fii OPDO'n barbaaddu tokkoo?  An akka kiyyatti tokkummaan OPDO barbadduu fii kan ummanni keenya dharra'aa tureef gragara natti fakkaata. OPDO'n kan barbaaddu tokkummaa siyaasaa isaanii irratti hundaahe barbaaddi. Oromoon hundi OPDO qofa deeggaruu irratti akka tokkoomu hawwu. Walumaagalatti OPDO'n tokkummaa OPDO qofarratti ijaaramu barbaaddi. Kun immoo balaa guddaa qaba. Hireen Oromoo fii Oromiyaa harka OPDO qofatti akka kufu dantaa fii mirgi Oromoo hundi kallattii OPDO qofaan ilaalamee OPDO jechuun Oromoo Oromoo jechuun ammoo OPDO jechuudha ilaalcha jedhu uumuudhaan dirree siyaasaa Oromoo duuwwisuudhaan abbaa irrummaa dagagaasa. Kana hubachuudhaaf sochii dabballoonni OPDO yeroo namni OPDO qeeqe godhan ilaaluun gahaadha. Amma murtee OPDO tokko yoo namni qeeqe dabballoonni isaanii dafaniiti "tokkummaa Oromoo  wareegama meeqaan dhufe  hin diiginaa jedhu. Isaaniif OPDO qeequun/ mormuun tokkummaa Oromoo diiguudh.Kun ammoo sirrii miti. Tokkummaan Oromoo dhaabaa siyaasaa kamiyyuutii oli.Tokkummaan Oromoo siyaasaa dhaaba kamirrayyu bu'ara godhachuu hin qabu. Dantaa Oromoon akka sabaatti qabu qofa bu'ura godhachuu qaba. Tokkummaan siyaasaa dhaaba tokkoo jiddugaleessa godhatu kamiyyuu farra diimokraasiiti. Kanaaf, yaamichi maqaa tokkummaatiin hiree Oromoo OPDO qofa jalatti galchuuf godhamu kamiyyuu fashaluu qaba.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa