Haasawni Dr Abiyyi " Sabbonummaan ODDU
Daly News From Oromia. ODDU
Haasawni Dr Abiyyi " Sabbonummaan Oromoo Oromoo xiqqeessee gandatti galche " jedhu kun kophatti ilaalamee akk dogoggora salphaatti fudhatamu hin qabu. Jecha isaa kanaafii haasawa muudaminsaa inni godhaa ture wajjiin walitti hiinee hubachuu barbaachisa. Haasawa muudaminsaa keessatti seenessa bu'ura ADWUI fii sirna federalismii kan tahe "national identity question " moggatti dhiisee seenessa tokkummaa Ixoophiyaa fudhatee haasawaa ture. Atseewwan seenaa eenyummaa , aadaa fii afaan sabaa fii sablammoota biyyatti balleessuudhaan Ixoophiyaa eenyummaa Amhaaraa irratti ijaaramte ijaaruudhaaf sabaa fii sablammoota duguugaa ture faarsaa ture. Ixoophiyaa bakka kabajaa isii duriitti deebisna jedhee dhaadate. Haasawa muudaminsaa isaafii jecha isaa kana wajjiin walitti qabnee yoo laallu jechi isaa kun kanuma itti yaadamee jedhameedha. Namoonni keenya gariin jecha Abiyyi dhiisnee niyaa ( intention) isaa laaluu qabna jedhu. Niyaa namaa jechuma isaarraa hubanna malee meeshaan niyaa namaa ittiin laallu hin jiru. Namni niyaa isaa jechuma isaatiin ibsata. Jecha inni dubbate dhiisnee niyaan isaa akkasii miti jennee dubbachuu madaala hin kaasu.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.