Gola Tigraay keessaa: Amaarri lola nurratti bane sagaleen jedhu Tigraay keessatti jabaateera.
Gola Tigraay keessaa: Amaarri lola nurratti bane sagaleen jedhu Tigraay keessatti jabaateera. Rogeeyyii fi miidiyaaleen Tigraay baayeen guyyaa lamaan kana ummata kakaasaa jiru, Lola Amaarri nurratti bane ofirraa qolachuuf humna qabduun of qopheessi jechaa jiru. Amaaronni Lammii Tigraay naannoo jaraa jiraatu haleeluu fi buqqisanii aryachuun itti xiqqaannaan amma ammoo daangaa keenya seenanii nu waraanuuf socho'aa jiru jechuun dhaamsa hafuura waraanaa labsu dabarsaa jiran. Oromoonoo maal jedha? Baay'een keenya ''wal haa nyaattu maaltu nu dhibe'' jechuu malla taha. Garuu wantichi deemee deemee mootummaa harka Oromoo jirutti quba qabsiisa. Oromoon aangotti dhufnaan Amaarrii fi Tigireen wal fixxe yoo jedhame waanuma Oromoon haaloo isaa baroota dabranii bahachuuf jecha walitti jara naqe fakkeessa. Jara kana ulee jabaa malee wanti bulchuu danda'u hin jiru. Arrabni nagaan jaraaf arrabsoo dha. Tola hin jaalatan, hin barannes. Uleedhaan cagadamanii bul...