Ilmaan Oromoo Wallaggaa kanneen gandoota Daangaa buulchiinsa Beenishaangul Gumuz Irra Jiran Hidhattoota Gumuziin Rukkutamaa, Ajjeefamaa fi Qabeenyi Isaanii Barbadaa'aa Jira.

Ilmaan Oromoo Wallaggaa kanneen gandoota Daangaa buulchiinsa Beenishaangul Gumuz Irra Jiran Hidhattoota Gumuziin Rukkutamaa, Ajjeefamaa fi Qabeenyi Isaanii Barbadaa'aa Jira.

Goodina Wallagga Bahaa fi lixaa ilmaan Oromoo daangaa bulchiinsa naannoo Beniishaangul Gumuz keessa jiraatan hidhattoota Beniishaangul Gumuziin rukkutamaa, ajjeefamaafi qabeenyi isaaniis barbadaa'aa akka jiru beekameera.

Haaluma kanaan goodina wallagga lixaatti ilmaan Oromoo Aanaa Mana Sibuu Daaleti fi Odaa Goodarree, Karaa Najjoo, Billaa dangaa Kamashii Agaloo Meexxii, Wallaggaa baha Aanaa Saasiggaa gandoota Baloo, Bareedaa, Soogee, Aana Giddaa Ayyaanaa ganda Lallistuu Angar, aanaa Limmuu ganda Caakkaa dhiigaa, haroo limmuu fi kkf keessa jiraatan lubbuu isaanii baraaruuf qe'ee isaanii dhiisanii baqachaa akka jiran gabaafameera.

Dabalataanis haleellaa kanaan walqabatee abbootiin warraa 13,000 ol tahan qe'ee fi qabeenya isaanii dhiisuun naannoo Benishaangul Gumuz keessaa gara Oromiyaatti baqatanij akka jiran kan gabaafame yoo tahu, aanaa Saasiggaa ganda Qilxuu Shankooraa lafa Baallaa jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa lubbuun ilmaan Oromoo jahaa akka darbe gabaafameera.

Yeroo hammaa kanatti haalli jiru yaaddessa waan taheef, qaamni nageenyaa gidduu seenuun lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo akka baraaru waamichi darbaa jira.




Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa