Gaddi Oromoo tokkoo isa kaaniif gammachuu ta'uu hin danda'u


Gaddi Oromoo tokkoo isa kaaniif gammachuu ta'uu hin danda'u. Salphinni Oromoo bakka tokko jiruu, isa bakka biraa jiruuf ulfina ta'uu hin danda'u. Inni Oromoo tokko cabsee...gidirsee bulchuu yaadu, Oromoo isa biraa mirgasaa eegeefii bilisummaadhaan bulcha jedhanii yaaduu caalaa gowwummaan hin jiru. Oromoo qoodanii bulchuun amala abbaa irrummaa - amala wayyaaneeti.
~
Yaa Oromoo, siidaa tokkummaa kee hin jigsiin. Warra abalu xuraawaadha, abalu qulqulluudha siin jedhus hin dhaggeeffatiin. Walumaan dhiignee - walumaan du'aa baane. Budaafi jinniin hin jiru. Dogoggorte wal gorfadhu. Laafte wal jabeessi. Firris, diinnis gaafas si kabaja!

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa