WALALLOO AFAN OROMO
-
Maal wayya - maal siif ta'u?
Kan kee garaa na nyaata
Siif darbuu kee utuun eeguun
Ofii koo darbaa laata?
Walaloon koo har'as gadda
Akkuma isa kaleessaa
"Ishoo baga siif darbe" jedhee
Gaafa kamin barreessaa?
Qe'ee keetti salphattee
Boquudhaan lafa ilaalta
Ganama tokko awwaaltee
Galgalas tokko awwaalta!
Gidiraa keefi caba kee
Hin agarree Waaqayyo?
Bara naaf darba jettes
Siif darbu dide wayyoo!
-
Ilmaan kee - ijoolleen kee
Haara galfiif abdattee
Dafqa illeerraan facaastee
Warri ati barsiifatte....
Tokkummaa ijaarrattee
Gatii kee baasuu mannaa
Wabiifi gaachana taatee
Lafaa si kaasuu mannaa....
Har'as akkuma durii
Si hambisuuf rakkootti
Gamaafi gamana teessee
Ciqileedhaan wal dhoofti.
-
Kaleessa ormaan boossee
Har'a ilmaan keen yoo boossu
Coba imimmaan fuula kee
Mee maaliin sirraa qoorsu?
Na waade rakkinni kee
Mar'umaantu na cabe
Wayyoo yaa uummata koo
Waanan siif godhun dhabe!
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.