IBSA DHAABBILEE SIYAASAA OROMOO (ONKOLOLESSA 1,2019)
Akkam Ooltan? Nu waan agartan saniifi kan birootti oolle. Abdiin jira. Shakki akka qabdan naaf gala. Dhugaa qabdan. Wanti akkanaa amma duras yaalamee akka bakka eeggame hin gain namuu beekna. Marsaa kana garuu kan duriin adda gochuu yaallee jirra. Waan hojjanne hunda ammatti isinitti hin himnu. Waanuma ijoon isiniif qooda.
- Ji'a 6 yeroo ta'uuf marii hogganoota paartilee siyaasaa geggeessaa turre. Marii kana hayyoonni hirmaachuun gargaaraa turan. Dhaabbata CBCD jedhamutu qindeessuun nu gargaare. Dhumarratti waliigaltee lamaafi ijaarsa tokko gadi baafne. Ejjannoo waloofi safuu/irbuu jaarmayoota siyaasaa Oromoo har'a mallatteessan kana qopheessine. Akkasumas wixinee Gaaddisa Hoggansa Oromoo dhaabuu lafa keenye.
- Guyyoota lamaan kana waan ji'a jahaaf dalagne san lafa qabsiisnee hojitti huukuuf mariifi shaakala nu dandeessisu hojjanne. Marii guyyoota alamaanii kana dura taa'ota dabalatee jaarmayoota hunda irraa nama kudhan kudhan hirmaachifne. Mariifi shaakkala jaarmaya ogummaa kanaan beekame Synergros jedhamu kan hayyuufi qabsaa'aa qameessa Abarraa Tolaan hogganamutu nuuf qindeesse.
- Waliigaltee kana hojitti hiikuuf tarsiimoofi karoora akka hogganu Gaadisa Hoggansa Oromoo dhaabne. Gaaddisni dura taa'ota jaarmayootaa shanan of keessaa qaba. Isaanis Gaaddisa kana Obbo Lammaa Magarsaatu qindeessa. Hogganota jaaramayalee jalatti kan hojjatan namoota shan ramadamanii jiru. Obbo Leenco Lataa, Galaasaa Dilboofi Diimaa Nogoo gorsitoota. Anaafi Abarraa Tolaa haala mijeessitoota ( facilitators) taanee dirqama fudhannerra.
- MM Abiy Ahmad argamuun hojii hajjatameef galateeffachuun murannaafi tumsa mataa isaaniifi mootummaa mirkaneessaniiru. Waan fulleffatamuu qabu jedhanis marii cufaa irratti dabarfataniiru.
- Jilli hirmaattota ajandaalee dursa kennameefi irratti dalagamuu qabu nuuf eeraniiru. Hoggansi kun guyyota as deeman keessa walgahuun karoora hojii lafa kaaya. Yeroo gabaabaa keessatti marii itti aanu qopheessa.
hagana carraaqne. bakka nuti hanqifne rabbi itti haa guutu. isinis hamileefi eebbaan nu bira dhaabbadhaa.
Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.