Mallattoo waliigaltee paartileen Oromoo ammas irra deebiin waliigalle jechuudhaan kaleessa waliif mallatteessan uummanni keenya akkamitti ilaala laata?
Mallattoo waliigaltee paartileen Oromoo ammas irra deebiin waliigalle jechuudhaan kaleessa waliif mallatteessan uummanni keenya akkamitti ilaala laata? Kanaan dura mallattoo yeroo hedduu waliif mallatteessanii jennaan uummatni gammadee, baga naaf tokkoomtan jedhe e eebbise. Homtuu hojiitti wanti hiikame hinjiru, uummannis itti qaana'e, gidiraaf saaxilame. Ni dararame, hidhaatti guurame, ni ajjeefame, du'a keessaammoo akaakuu du'aa bara Wayyaanee mul'atee hinbeekneenis ajjeefame. Kanaaf amma namni tokkummaa uummata Oromoof dhimmu, kan nageenya Oromiyaaf yaaddoo qabu kan gochuu qabu harka rukutee eebbisuu miti, gaaffii lafa-qabataa gaafachuudha. Mallattoo mallatteessaniif ittigaafatamummaa akka fudhatan gochuudha.
Kana gochuuf sababa ga'aatu jira:
1. Yeroo kam caalaa dhimmi 'territorial integrity' Oromiyaa gaaffii jala galee jira;
2. Mootummaan maqaa Oromoon da'atee aangoo qabate uummaticha ganee ganda Ormaatti galuudhaan Oromoon kasaaree jira, diinotni Oromoos mataa olqabatanii fooricaa jiru;
3. Uummanni bakkeewwan hedduutti nagaan ba'ee hojjetatee deebi'ee nagaan galuuf rakkateera;
4. Gaaffiiwwan biyyoolessaa Oromoon ijoollee ofii itti gabbaree dhiyeeffate hirraanfatamaniiru, sirumaayyuu inni Oromoon harka qabu jalaa baduuf sodaachisni itti dhufaa jira;
5. Ollaan Oromiyaa gama kaabaan jiru dubbii hamtuu Oromiyaa irraa barbaadaa jiru;
6. Kun hundi wayita ta'u paartileen Oromoo marti homaa gochuu hindandeenye, maal akka hojjetaa jiranis takkaa uummata hinbeeksifne.
Walumaagalatti, yeroon kun yeroo itti gaaffii gaafannee ittigaafatummaa akka fudhatan taasifnu malee yeroo itti harka isaaniif rukunnu miti. Yeroon itti harka waliif rukunnus darbee jira, amma yeroon yeroo laayyoo miti. Waa'ee waliigaltee kaleessaa kana maaltu gaafatamuu qaba?
1. Waliigalteen kaleessaa kun sodaachisa 'territorial integrity' Oromiyaa irra ga'aa jiru maqsuuf waan irratti dubbatanii waliigalan qabuu? Tooftaa fi tarsiimoon baafatan jiraa?
2. Dubbii Oromoon gatii baasee mootummaa ofiin aangomseen ganame hatattamaan karaatti deebisuuf wanti dubbatamee irratti waliifgalame jiraa?
3. Waa'ee rakkoo nageenyaa Qllem-Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Gujii Lixaa fi Bahaa, kan Dirre-Dhawaa hatattamaan furuuf maal dubbatan? Maal irratti waliigalan?
4. Gaaffiiwwan biyyoolessaa Oromoo bar-kurneewwan hedduuf itti dadhabamaa ba'ee har'a bakka isaan hundi jiranitti Abiy "gaaffii xixiqqoo" jechuun qaanii malee uummaticha arrabse deebii itti kennuuf maal dubbatanii maal irratti waliif galan?
5. Gaaffiiwwan biyyoolessaa Oromoo bar-kurneewwan hedduuf itti dadhabamaa ba'ee har'a bakka isaan hundi jiranitti Abiy "gaaffii xixiqqoo" jechuun qaanii malee uummaticha arrabse deebii itti kennuuf maal dubbatanii maal irratti waliif galan?
6. Roorroon gama kaabaan Oromootti roorrifamaa jiru qe'ee Oromiyaa osoo hingeenye akka rifatee qee'ee ofiitti deebifuuf maal dubbatan?
7. Rakkoo qaala'iinsa jireenyaa uummata boosisaa jiru fala akka argatuuf maal waliin dubbatan?
Waa'ee yeroo walga'ii kanaaf filatamee (timing) fi haala yeroo ilaalchisee:
1. Mariin waliigaltee kun maliif kaleessaa fi dheengadda taa'ame? Maaliif torban darbe ykn ji'a darbe hintaa'amne? Jecha biraatiin maaliif Irreechaaf yeroo guyyaan muraasni hafe taasifame?
2. Waliigalteen kun dhuguma akka TV irraa mul'atu paartileen hundi waluma qixa itti hajamanmoo mootummaatu akkuma gidduu kana walga'ii garagaraan muddamaa ture kanas muddama wayiif barbaade? Eenyutu yaada dhiyeesse?
3. Yeroo itti OPDOn tasa Oromoo irraa baqatee maqaa meddemeriitiin da'achuudhaan federaalizimii sabdaneessaa diiguuf maggalu kanatti paartileen mormitootaa akkamitti OPDO akka qaama Oromootti fudhachuu danda'an? Kan uummatni Oromoo hinhubatin dhimma isaan qofti beekan jiraa?
4. Abiy Ahimed kan tasuma uummata Oromoo irraa baqatee ture waliigaltee kana booddee maaliif muddamee OBN Afaan Oromoo irra koree haasaa eegale? Waliigaltee paartilee Oromoo irratti tasa argamee kan hinbeekne amma maaliif argame? Maaltu dhalate
Gabaabumatti gaaffileen kanneen kanneen ka'anii mariif hindhiyaanne taanaan dhimmi walga'ii kanaa dhimma Oromoo fi Oromiyaa ta'uu hindanda'u. Paartilee Oromoo bakka kanatti argaman marti waloodhaanis ta'e mata mataatti wantoota kana ifa gochuutu irraa eegama. Siyaasni gola keessaa kanaan dura bu'aa hinbuufne, ammas maayii baasu hinqabu. Dhimmoonni kun kaafamanii falli hinkaa'amneef taanaan diraamaa suuraa Abiy bareechuu malee wanti biraan inni buusu jiraachuu hindanda'u. Anaaf akka naaf galutti Abiy Aimed namoota har'a maqaa waliigalteetiin waliin walga'ii taa'e qarxamsee nyaachuuf haalaa fi yeroo qofa eeggataa jira, har'a yeroo dabalataa bitatee galeera. Utuu namni kun Oromoo keessa taa'uu paartileen Oromoo kan dura waliinuu waliif hingalle waliigaltee fiixaan ba'aa qabaatu jechuun abjuudha.
#Abiy_Ahimed_diina #Abiyyiin_aangoo_irraa_darbuutu_fala
~by Etana Habte.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.