“ABOn Hidhannoo Hafe Ni Hiikkata” Ministeera Deetaa Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa Obbo Kaasaahuun Goofee.....

“ABOn Hidhannoo Hafe Ni Hiikkata”  Ministeera Deetaa Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa Obbo Kaasaahuun Goofee.

ABOn gara biyyaa kan gale hidhannoo hiikkateeti; ammas kan hafe ni hiikkata jechuun ministirri deettaan Ministeera Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa obbo Kaasaahuun Goofen ibsan.

Addichi hidhannoo hafe yoo hiikkachuu baate mootummaan nageenya ummataa fi heera mootummaa eegsisuudhaf hojii hidhannoo hiikkachiisuu ni hojjeta jedhan.

Mootummaan dirree siyaasaa bal’isuudhaf waamicha dhaabbilee siyaasatiif taasiseen, loltoonni ABO 1300 ta’an gara biyyaa galanii Wiirtuu Leenjii Xoollaayitti leenjirra akka jiran obbo Kaasaahuun eeraniiru.

Akka obbo Kaasaahuun jedhanitti ABO waliin marii si’a 3 Asmaraatti taasifameen addichi gara biyyaa galee dorgomuuf waliigaleera jedhan.

Obbo Kaasaahuun ibsa isaanitiin yeroo marichaa hidhannoo hiikkachiisun ajandaa hin turre jedhan.

Qabsoon nageenyaa yaadan malee afaan qawweetin waan hin taanef, hidhannoo hiikkachiisun mariidhaf kan dhiyaatuu miti; sarara diimaa keenyas jedhaniiru.

Kanaaf ABOn irra deebidhaan yaadasaa xiinxaluu qaba; mootummaanis irra deebidhaan waamicha dhiyeessaf jedhan.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisudhaaf kutannoodhan waan hojjetuuf, ummanni rakkoon nageenyaa na qunnamaan akka hin shakkines jedhan obbo Kaasaahuun Goofen.

Maddi: OBN bye
CG 10/10/ 2018

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa