Warraaqsi tokko yoo tahu qilleensi dhalatu dafee hin calalu. Sun dhugaa dha. Bara Nugusichi buqqa'u Dargiin hanga miila lamaan gad of dhaabutti lubbuu nama hedduutu bade.

Hookkara hamaatu biyya liqimsee ture. Dargiin waan sana abbaa irrummaatiin toyate.
Gara jabinaan fi dhiiga dhangalaasuudhaan aangoo isaa itiche. Bara Dargiin kufee Wayyaaneen dhuftus akkasuma.
Sirni Wayyaanee akka salphaatti gad of hin dhaabne. Koree ''ሰላምና መረጋጋት" jedhamu dhaabdee turte. Koreen sun ummata keessaa namoota dhageettii qaban irraa haa jaaramu malee akka itti aangoon Wayyaanee itittu irratti hojjechiifamaa ture.
Sana qofaan tasgabbiin hin dhufne. ABOn Chaartera keessaa bahuun wal qabatee tarkaanfiin sabboontota Oromoo irratti fudhatamaa ture ragaa tokko. Wayyaaneenis akkuma Dargii qawweetti fayyadamtee ''tasgabbiin buuse'' ofiin jette.
Ammas hafuura haaromsaa kana keessatti biyyattiin tasgabbii dhabaa jirti. Ibiddi tokko yoo dhaamfamu tokko gama sanaan qabata. Hoggansi amma jiru hojiin isaa deemeetuma ibidda qabatu hordofee dhaamsuu qofa akka tahu barbaadamaa jira.
Lakkii jaalalaa fi dhiifama walii gochuudhaan biyya keenya haa tikfannu, haaromsa hundaaf tolu haa gad dhaabnu jechuun akka laafinaa yookiin sodaattummaatti laalamaa jiras fakkaata. Kana kan godhaa jirus humna aangoo irraa ka'ee fi qaama humna kanaan waadaan seenameef adda addaati.
Hogganni kun jaalattee osoo hin taane dirqamatti akkuma warra darbanii humna fayyadamee haaromsa kana akka itichu dirqisiisaa jiru. Wayyaaneen hanga funyaan keessa dhahamtee funuuntutti adabachuuf hin jirtu.

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.