Baatii Bitootessaa keessa natti fakkaata. Bara 2008. Waggaa 10 dura ta’uu isaati. Kutaa biyya Varjiiniyaa, Magaalaa Arlington jedhamtu keessatti kan argamu Dhaabbata Miidiyaa Har’a ETSAT jedhan Kun Yeroo Sana ETN jedhama ture.
https://www.facebook.com/Oromiacom/
Baatii Bitootessaa keessa natti fakkaata. Bara 2008. Waggaa 10 dura ta’uu isaati. Kutaa biyya Varjiiniyaa, Magaalaa Arlington jedhamtu keessatti kan argamu Dhaabbata Miidiyaa Har’a ETSAT jedhan Kun Yeroo Sana ETN jedhama ture. Kutaa xiqqoo tokko Keessa gara namoota 15 taanee teenyeerra. Harka koo gama bitaan Gaazexeessaa VOA Afaan Oromoo, naman baayyee jaalladhu Nigusu Tamire tu taa’a. Gama biraan ammoo Kan Kutaa Afaan Amaaraa Henok Semmagnigzer tu jira. Ani Radio Hawaasa Oromoo D.C bakka bu’een Dhaqe. Walumaa gala gaazexeesitoota 12 tu jira. Dr. Birhaanu Nagaa fi namooti lama ana fuula dura, fuula natti galagalfatanii taa’aatti jiru. Amma Ginbot 7 ifatti dhaabbatee Hojii Jalqabuu isaa ibsa laachuuf jedhu. Anaaf Nigusuun wal bira teenyee waa tokko tokko otuu haasofnuu jalqabame. Ibsa isaa keessatti Ginbot 7 akka dhaabbilee Hidhannoo biyya Ethiopia keessa sosao’an kamii wajjinuu hojjechuuf qophii xumuratan, Isaan keessaas garii wajjinis akka haasaa xumuratanii jiran Ibsan. Dhaabi tokko A.B.O ta’uu isaati.
Dr. Birhaanuu Naggaa Kitaaba isaanii (Ye Netsanet Gohi) jedhu keessatti akkas jedhanii barreessaniiru. ‘Dhaabni siyaasaa isaan dhimma tokkummaa Ethiopia ilaalchisee Yoomiyyuu wajjin walii galuu hin dandeenye A.B.O qofa’ jedha. Yeroo gaaffiin jalqabu Gaazexeessaa Radio Jermanitti aanee kan gaafachuuf carraa argate ana ture. ‘Kitaaba keessan dhiheenya gabaarra oolchitan Fuula dhibba lamaaf akkasii irratti dhimma tokkummaa Ethiopia ilaalchisee dhaabi siyaasaa isin wajjin waliif galuu hin dandeenye A.B.O akka ta’e barreesitanii turtan. Har’a Maaltu dhalatee jennaan yaada keessan sana jijjiirtan?’ Jedheen gaafadhe. Namni Kutaa TV kallattiin Tamsaasaa Jiru Taammaany Bayyanee ture. Taammaany baayyee natti aare. Boodas diidatti baanee waliin haasofneerra dhimmicha irratti. Qofaatti gaafachuu ni dandeessa turte jedhee na kofalchiise. Hundumaafuu gaaffii sana kutee keessaa baasuu hin hin dandeenye. Qilleensarra ooleera. Fuulli isaa aariin aguugamee Controll Room keessaa dhufee bakkan taa’ee jirutti na ilaale. Gurbaa qalloo Huuqqattuu tokkotu dhiibbattee Gaazexeesitoota bebbeekamoo sana gidduu taa’aa jirti. Aaree deeme. Nigusu Tamire kolfee gadi ba’e. Heenook gaaffii Ani gaafadhe irratti hundaa’ee ‘Follow up’ gaafate. Sana booda Muudiin mana sana keessaa ni jijjiirame. Dr.Birhaanuu Naggaa na fuula dura waan taa’ee jiruuf akkas jedhee naa deebise. “Mana hidhaa keessatti ijoollee Oromoo baayyee wajjin wal barre. Kanan kanaan dura hin beeknes ta’e, kanan beekaa bira tare waan hedduun ijoollee sana irraa bare. Ijoolleen kun ijoollee beekumsaanis barumsaanis ciccimoo dha. Mana hidhaa sana keessatti dhimma biyya keenyaa irratti Sichi waan teenyee haasofnee fooyyesinu waan baayyeen akka jirun hubadhe. Kitaabi koo garuu sana dura ture kan maxxanfame” Jedhanii naa deebisan.
Yeroo sana Dr.Biraanuun akkas haa jedhaniyyuu malee Dhaabi isaanii Sana booda dhaaba A.B.O laaffisuuf yoo danda’ameef ammoo balleessuuf baayyee tattaafatan. Garee A.B.O irraa Foxxoqee ba’e adda addaa waliin hariiroo uummatanis tasa waliin hojjechuu hin dandeenye. Matumaayyuu Obbo Andaargaachoo Tsigee gadi ba’anii Oromiyaa waanti jedhu hin jiru. Afaan Oromoos tole Jennee fudhachuun keenya uummaticha gowoomsuuf ture jedhanii ifatti Miidiyaa gubbaatti dubbatan.
Erga Yeroo sanaa dhaabi kun Mooraa Oromoo dadhabsiisuuf hin boqonne. Har’a karaan Hundinuu gara Ethiopia geessa. Ethiopia ammoo kan oogganaa jiru Oromoo dha. Har’a Namooti akka dhuunfaattis ta’e akka dhaabaatti ‘Package’ adda addaa uddeellatanii gara biyyaatti galaa jiru. Isaan kun bu’aa isaanii tarkaanfachiisuuf rafanii hin bulan. Hawaasa jabaa, uummata ofii isaatiin qabsaa’ee Jijjiirama kana fide kana mufachiisanii Abbaa Jijjiiramaa ta’uu barbaadu. Namni kaleessa duuti itti murtaa’ee achi buuteen isaa wallaalamee mana dukkanaa keessa ture har’a Erga qabsoo Qeerroon ifa aduu argee booda anatu Eertiraa fi Ethiopia walitti araarse sadarkaa jechuurra ga’eera. Bor Gaafa xaxatee biyya keessa seenu maal akka jedhu hin beeknu. Yeroon Kun Yeroo itti injifannoo wal saamanidha. Kun ammoo qaamni Amma biyya bulchu afaan guutee injifannoo kana anatu argamsiise akka hin jenne waan beekaniif qofa.
Gidduu kana ammoo Miiraa fi Qalbii keenya hunda kan qabatee ture dhimma Siidaa Xaayituuti. Bor ammoo akka Tasaa Taammaany Yoo waan biraa dubbatee jedhe qalbiin keenya gamas faca’uun isaa hin oolu. Itti aanee ammoo Oogganooti Ginbot 7 jibbaa fi mul’ata durii sana hunda huddeellatanii galaa jiru. Isaan ammoo guyya guyyaan Hojii nuuf laachuuf deemuu jechuu dha. Dhugaa dubbachuuf alaabaa Diimaa Magariisa Diimaan sun jaraaf dhukkuba guddaa dha. Qophii simannaa Dr.Abiyyi Minnesota gubbaatti ta’ee jalqabee har’a ammoo Biyyi guutuun Alaabaa sanaan faayamuu Caalaa waanti isaan aarsu hin jiru. Isaan biyyattiin diigamtee Yoo alaabaa inni kansaanii sun qofaan jiraate fedhii isaaniiti. Kana faallessuuf ammoo boqonnaa hin qaban. Akkan jalqaba irratti jedhe Jarri Mul’ata isaanii dullacha sana galmaan ga’achuuf kaayyoo fi karoora isaanii akka gabaa Gulliitii gaggalagalchaa warra oolanidha. Kaleessa mana hidhaa keessatti gaaffii Uummata Oromoo sirriitti barree baane siin jedhanii har’a Garuu gaaffii sana jallisuun wareegama akkamii akka isaan baasisu otuu beekanii garuu dhaloota kana mufachiisuuf boodatti warra deebi’an miti. Kanaaf Maaltu uummata keenya irraa eegama? Ajandaa isaan nuuf baasan Jala deemnee isaaniif deebii deebisuu Otuu hin taane caasaa qabnutti dhimma baanee Karoora Mootummaa hubachuu qabna. Waan barbaade yoo ta’e Yeroo ammaa waan naannoo Mootummaatti raawatu Oromoo Caalaa kan quba qabu hin jiru. Masaraa Mootummaas ta’e waajjiraalee biyyattii gurguddoon Harka Oromoo keessa jira. Hamee, tuffii fi OPDO-n silayyuu jechoota jedhan Moggaatti dhiifnee OPDO kanatti akka gaariitti fayyadamuu baruu qabna. Jaallannes jibbinus Yeroo ammaa aangoon kan jiru Harka isaaniiti. Waan qajeeluu qabu isaan waliin qajeelchuu baannaan, Moggaa ijaajjinee kan dhagaa itti guurru yoo ta’e na amanaa namoota sirna durii dhaadhessan kanatu OPDO kana dhimma itti ba’a.
Yeroo ammaa kana akka Oromootti Komee dhiifnee Koomeen Ijaajjinee Oromiyaa ijaaruuf haa tokkoomnu! Otuu Yeroo kana bituu dandeenyuu dhibaa’ummaa keenyaan Yeroon Kun akka nu hinbinnen sodaadha!!

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.