Dhimma_Harargee

#Dhimma_Harargee
Walitti dhufuu Ummata #HARARGEE kanaan wal qabatee wantoota jedhamaa jiran ilaalchisee...

•Akkuma beekkamu, guyyaa har'aa Ummanni HARARGEE Bahaa fi Dhihaa walitti dhufuun marii godhataniiru. Marii kanaan walqabatee toora Miidiyaa hawaasaa FB kana gubbaa wantoota hedduutu ja'amaa jira. Gariin walitti dhufeenya kana duruu gara biraatti hiikee hafarsaa jira.

•Ummanni gabroome, miidhame, roorrifame kamuu roorroon san yeroo itti hammaatte walitti dhufuun "akkam taana? jedhee wal gaafata. Kuni waan haarawaa miti. Ummanni HARARGEE wali dhufuunis sababaan kanuma. Ni miidhame, ni roorrifame, ni ajjeeffame. Baatii kana qofa keessa, humna mootummaa #Liyyuu_Poolisii Soomaaleetin ilmaan Oromoo #HARARGE 100tti dhihaatan dhabnee jirra. Dhimma kana cal'isanii ilaaluun waan dadhabameef hawaasni walitti dhufee mari'ate malee ajandaa biraa hin qabu.

•Warri duruu fuudhee GANDUMMAA fi ilaalcha Siyaasaa kophaatti fuudhatee dubbii hafarsaa jiruutu jira, garuu kuni dogoggora. Namni kamuu akkaatuma walitti dhihaatuun Maatii, Firoottan, gadaa kkf ijaarama.

 Kuni ammoo waan haarawa amma gad dhufee miti. Kana duraas Jaaramayootni hedduun jaaramanii jiru. Fakkeenyaaf Jaaramayaa Oromoo hangafoota ta'an keessa #Waldaa_Maccaaf_Tuulamaa fi kanneen booda tana ijaaraman kan akka #Siikkoof_Mandoo fi kkf hedduutu jira.

•Ummanni Roorrifame walitti dhufee ijaaramuun waan hedduu nama haasoofsisu hin qabu, kaayyoon ijaaramuu kanaatis Ummata Oromoo daangaa irraa dhumaa jiruuf sagalee fi humna taanee diina keenya daangaa irraa nu waxalaa jiru firraa haa ittifnuudha, malee tokkummaa Oromoo diignee Gandummaa Summaawaa barame sana jaarraa jechuu miti. Kana namuu hubachuu qaba.

•Jaarmayaan ijaaramaa jiru ammoo, Jaarmayaa siyaasaa osoo hin taane, kan hawaasummaati, Jaarmayaa hawaasaa ammoo akka walitti dhihaataniin ijaarama. Kuni Gandummaa fi mixirqishoo haasooytan kana hin qabu. Fakkeenyaaf, namni waan kana Qindeessaa jiru namoota Garee/Paartiilee Oromoo garagaraa keessa jiranii fi warra garee hundarraa walaba tahaniidha. Ilaalcha siyaasaa qaban dhiisanii, akkamitti dhumaatii nama keenyaa kana hanqifnaa irratti tokkummaan jaaramaa jiraniidha. Kanaaf waan biraa haasawuu dhiisaati, dandeessan deeggaraa cinaa dhaabbadhaa. Dadhabdan ammoo Afaanumaan usuun gargaaraa.

HUBADHAA:- Harargeen lafa Oromummaan itti biqiltee fi Oromoon yeroo jalqabaaf maqaa Oromootin itti jaaramtee sossohaa tureedha. Tokkummaan Oromoo HARARGEE Irraa madde, ammallee keessa jira. HARARGEEn tokkummaa Oromoo daran jabeessiti malee hin diigdu.

KANUMA DUBBIIN.

GADAAN GADAA BILISUMMAA OROMOOti.

#Fawaz_Ahmad_Oromiya
Fuulbana 1, 2018

#INJIFANNOO_UMMATA_OROMOOF.

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa