Ummani Oromoo namicha kana beekee shira inni hamma har'aa hojjechaa tureefi har'aas hojjechaa jiru hubachuu qab.

Ummani Oromoo namicha kana beekee shira inni hamma har'aa hojjechaa tureefi har'aas hojjechaa jiru hubachuu qab.

GEETACHO ASEFFAA
Suuraan armaam gadii kuni Nama Maqaan kuni isaa Geetachoo Aseffaa jedhamuudha
Geetachoo Aseffaa  Namni jedhamu kun nama miidiyaa irraa dhokatee caasaa isaas dhoksee duguugga sanyii ilmaan  Oromoo irratti nama raawwachaa tureefi raawwachaa jiruudha
Geetachoo Aseffaa bara 1993 irraa jalqabee dhaabbata Humna Tika Biyyattii (INSA) jedhamu nama hogganaa tureedha, Tasfaayee Urgee itti aanaa isaati ture jarri Qabsaa'ota Oromoo baay'ee hanga har'aa du'aafi jiruun isaanii hin beekamne galaafate isaan kana.
Warri ilmaan Oromoo mana hidhaa keesatti gocha suukanneesaa irratti raawwachaa turees isaan kana.
Warri ilmaan Oromoo biyyoota akka Somaliland, Jabuutii, Keeniyaa Suudaanifi k.kfktn keessaa akka qabamanii Makalaawi fi Qilinxoo galan gochaa turees isaanuma kana.
Jarri Qabsaa'ota Oromoo ukkaamsee kan ajjeesaa kaawwan hidhaa turees isaanuma kana.
Buqqa'insaafi lola daangaa Oromoo irratti baname kan hanga guyyaa har'atti deemaa jiru duuba taa'ee kan hoganaa jiruus Geetachoo Aseffaa nama jedhamu kana tahuus hubachuu qabna
Gochaaleen jara kanaa baay'eedha mataa mataa irraa xuquuf yaale malee qalamaan barreeffamee wanta raawwatamuu miti
Mana hidhaa keesatti qaama hir'uu kan dargaggoota Oromoo taasisaa tureefi har'aas harka lafa jalaan kan ummata Oromoo abidda itti qabsiisaa jiru namichuma kanaadha.
Namichi kuni caasaa jabaa qabaachuu isaa Abdi ileen mataan isaa ragaa bahee ture.
Walumaagalatti kanan jedchuu barbaade wanti EPDRF keessatti wanti ta'aa tureefi ta'aa jiruus wal xaxaadha.
Namichi Geetachoo Aseffaa jedhamu kun osoo ummanni biyyattii Seeraaf haa dhiyaatu jechaa jiranii ammaas kunoo Yaa'ii 13  TPLF irratti hirmaachuudhaan namoota 36 kan biyyattii kana bulchan keessatti filatamuudhaaf guyyaa boruu gara magaalaa Hawasaa deemee TPLF bakka bu'ee hirmaachuuf deemaa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Walumaagalatti Oromoon ammaas hiree ofii ofiin murteeffachuu mitii nama ilmaan isaa hojiin ala taasisaa ture kanaayyuu Seeratti dhiheeffachuu hin dandeenye.

Walitti bu'insaafi lubbuu ilmaan Oromoo torbee kana Lixa Oromiyaatti deemaa jiru kan hoganaa jiruus Geetachoo Aseffaa nama jedhamu kanaafi caasaalee isaa tahuus hubachuu qabna.
Maraafuu Oromoon Tokkummaadhan wanta ta'aa jiru qaamaafi qalbiidhaan hordofee wanta dhufaa jiruuf of qopheessuu qaba.
Yoo biyyi kun Oromoodhaan kan bulaa jiru ta'e guyyaa boruu qabamee seeratti ni dhiyaata
#Share

Comments

Popular posts from this blog

Sirna awwaalcha Jaal. Galaalchaa