The problem which is near to Finfinnee we have seen this year is
Rakkoo Guddaa naannawa Finfinneetti arge
--------------
Guyyaa har'aa kibbaa fi kibba-baha Finfinnee hanga tokko ilaaleen turee.
Naannofni Ani ilaale, Labuu ganda jedhamurraa ka'ee karaa Haarawa Magaalaa Aqaaqii gara kibbaarraaan bahee maxxana Tulludiimtuutiin gara karaa "express way" gara Hadaamaatti deemutti turee. Itti aansees, express way sanirraa jalqabee karaa gara kaabaa deemu "outer ring road" jedhurraa deemuudhaan hanga "industrial park" Lammuu jedhamutti turee.
Akka waligalaatti kibba-Lixa Finfinneetirraa ka'ee hanga baha Finfinnee naannoo Summit jedhamutti turee.
1. Lafti Oromoo akka jirtuutti qabamtee jirti.
2. Lafa Kana kan qabatanimmoo, gara daangaa Oromiyaatti achi maxxanuudhaan gamowwan hedduu ijaaruudhaan lafa jiddutti hambisuudhaani.
3. Lafti Oso jirtu wanti daangaarraa jalqabaniif, daangaa Oromiyaa dhiibuudhaafi.
4. Lafti jiddutti hambisan heektaara kumaatamaan Kan lakkaawamudhaa. Ammallee miidhaan qonnaan bulaatiin uwwifamee jiraa.
5. Gamooleen ijaaraman kuni gaara Yerer gara duubaatiin bira gahuudhaaf xinnomatu hafaa.
6. Lafoonnii kubbaaniyyotaa Adda addaatiin Cal jedhani qabamanis nimul'atuu.
7. Karaan outer ring jedhamu, akki inni itti ijaarame gama tokkoon leeni sadhiin gama kaaniinis leenii sadhiin yo tayuu, jiddutti lafti yo xinnaate leeni 4 tahu hafuun isaa saamichii Lafaa tahee jedhamee raawwatamuu agarsiisaa.
8. Kana qofa oso hintayiin lafti IT Park jedhamee Mootummaa federaalaatiin qabame, hojiii tokko malee gamowwan lamaafi sadeen hindhumatiin tokko qabatee laftii hiyyeessaa, waggota gara kudhan tayaniif agabuu teetti.
9. Naannoo Summit jedhamutti gara bahaa maquudhaan eddoo Lammii Industrial Park jedhamu ilaaluudhĂ f carraa argadheen jira. Waardiyoonni moonaa san seenuu nudhorganillee, akka tasaa, namni duraan MNO keessa hojjataa turef tokko waan arganneef, nuseensiisuu qofa oso hintayiin paarkicha keessa nunaanneessudhaan nudaaw'achiidani jiruu. Kana malees hogganaa paarkichaa Kan taye Nama Obboo Mangistuu jedhamu, Kan dur yeeroo ani MNO ture, biiroo Misooma Magaalaa hojjataa turef bilbilamee akka wal'agarru taasifameeraa.
10. Akka waligalaatti jiddu galeessummaadhaan paarkichi dandeetti isaa keessaa %50 hincaalleen qofa akka hojjataa jiruufi hojjataa 15,000 akka qabu barree jirraa.
11. Garuummoo marsaa lammaffaa jedhani babalifannaa biraa ijaaraa jiruu. Oso Kan duraatuu guutuutti hojiirra hinooliin maaliif laftii hiyyeessaa saamamti?
12. Hojjattota keessaa namni hanga tahee, Oromoota buqqaafaman keessaa qaxaruu isaani bareen jiraa. Garuu qaxaramtoota kanniinifi hojjattota biroo hundinuu kaffaltii mindaarraatti Gammachuu akka hinqabnes dhagaheen jiraa.
Xumura
-------------
A) Master Plan hojirra oolaa jiraayi? Kan nama jechisisudha wanti natti dhagayame.
B)namoota manni keennameef keessa %90 ol akka Oromoo hintaanes haallii lafarra jiru ni'agarsiisaa. Namni afaan Oromoo dubbatu hinmul'atu, barreefamoonni Afaan Oromoo kan hinmul'anne tahuufi ummanni buqqa'ee mormii qabaachuun, cultural invasion (weerara aadaa) jiraachuu qofa oso hintayiin Oromoo qe'ee isaatirraa haquutuu mul'ataa.
C) Gaafa Oromoon buqqa'u "beenyaan" akka kaffalames dhagayeen jiraa. Garuu, beenyaan sun kan Lafaa Oso hintayiin beenyaa omisha inni argachuu dandayuuti turee. Qonnaan bulaadhaaf lafa heektaara tokkoof, qarshii Kuma muraasa kafaluudhaan ufiifimmoo heektaara tokkoo miliyoona Guddaatti gurgurachuun yakkaa! Yakki Kunis burqaan isaa imaammata lafaa amma jiru akka tayee ifaadhaa.
D) Kanaafuu, imaammanni Lafaa guutumatti jijjiramuu qabaa. Lafti kan ummataa tayuu qabdi. Mootummaan yo lafa barbaade abbicha lafaatirraa gatii gabayaatiin bitachuu qaba. Haala kanaan Oromoon hinbuqqa'uu, hinhiyyomatu, namaa gadii hintayuu, Abbaa biyya ufii taha, aadaan isaa nidagaagdii.
E) Kanaafuu, gara tokkoon imaammata lafaa kan Oromoo gabroomse buqqisuuf qabsaayuu, gara kaaniiniis lafa banaa tayee hundarrattu ummanni Oromoo, keessattuu ummanni Oromoo Tuulamaa qubachiifamuu qabaa!
F) Gara kaaniin Finfinneen irraa olee malee akka gara dalgaa hinbal'anne taasifamuun dhimma yeeroo namaa hinkennineedhaa!
Hundumtuu dhimma kana beeynee qabsoo keenna gara kuteennaan finiinsuudhaan CARRAA ummata Oromoo guutumatti jijjiruudhaaf haakaanuu!
Galatoomaa

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.