Gaaffiin Laga Danbii Deebii Hin Arganne!! Mariin Gaggeefamu eegale kan eyyamicha mirkaneesudha!!
Oromia news
Gaaffiin Laga Danbii Deebii Hin Arganne!! Mariin Gaggeefamu eegale kan eyyamicha mirkaneesudha!!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Gaafiin Lada Danbii haga ammaa deebii hin arganne, argachuufis akka deemtu wanti ifatti muldhisu hin jiru. MNO dura dubbii sobaati jedhe. Itti aansee quba hin qabu jedhee waakkachuun dhugaadha. Faallaa sanii dubbi himaan ministeera albuudaa guyyaa har'aa ibsa kenneen, hayyamichi akka hin haqamneefi rakkoon jiru ummata hubannaa qabsiisuu dhabuudha qofa jedhe. Inumaatuu sadarkaa ministeeraa, yunivarsitii Finfinneefi Awuroppaatti qorachiifnee keemikaalli MIDROC miidhaa akka hin geessisin mirkaneessine jedhe. Qorannoo ( environmental impact assessmen) godhame jedhame hamma ammaa ifa hin baafne. Wonni marii gaggeesu eegalaneefis kanuma isin amansiisuf malee eyyamicha haquuf akka hin taanee hubadha.
Dhiiroo Dhimmi Midroc kun saffisaan furmaata argatee hayyamni kun haqamuun ifatti labsamuu qaba. Kanaan achi hoyi hoyii guyyaa lamaaf sadiitin yoo biraa deebine qabbanoonne dubbiin bubbultee hidda horatti. Ammalle wogga 10 dhufuuf woreegama kaffalla. Kanaafuu haga guutumaa guututti haqamuu isaa mirkaneeffanuti qabsoo finiinsu qabna! Muddamu sibiilli udaan buusa mitire!!
Gama biraatin Oromoon "ummata keenya Gujii sabni keessan cufti ijaa gurra isaa dhimma kanaaf kennee hordofaa akka jiruufi, yoo mootummaan saffisaan tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhanne taate isin waliin falmatee aantummaa isaa qabatamaan akka agarsiisu shakkii takka hin qabaatinaan" jedha jira. Jecha qofaas miti iddoo adda addaatti sochiin mormii eegalameera. Fkn, Hiddi Lolaa, Ginchii, Yuniversitii Wollagaa, Haramayaa fi Amboo! Yoo nuti jala qabanoofne garuu dubbichi laafa deema.
Ejjannoo inni dhumaa; mariin amma iddoo adda addaatti jalqabe kun yaali uummata amansiisuuti malee kan eyyama haquuti miti. Kananis isin dadhabsiisanii gargar isin baasuu dhumarratti. Qarshiinis nama bitu danda'u. Kanaafuu, mariin hin barbaachisu!
#DinneeDida!!

Comments
Post a Comment
Thank you for your comments.
Please make sure that you subscribed to my websites.